Yeroon Waliigaltee Kireessaa fi Kireeffataa Haaromsuu Hanga Qaammee 5tti Dheerate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Yeroon xumuraa waliigaltee kireessaa fi kireeffataa haaromsuu hanga Qaammee 5, 2018tti dheerachuu isaa Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Manneen Magaalaa Finfinnee beeksise.Biirichi akka beeksisetti, tajaajilli waliigaltee kireessaa fi kireeffataa galmeessuu fi haaromsuu, Adoolessa 1, 2018 irraa eegalee kennamaa ture, hanga Hagayya 30, 2018tti akka xumuramuuf murtaa’ee ture.Haa ta’u malee, namoonni ulaagaalee barbaachisan yeroo isaa keessatti guutanii hin dhiyeessine, akkasumas sababoota adda addaatiin yeroo kenname keessatti Finfinnee fi biyya alaa turan jiraachuu isaanii biirichi hubachuu ibse.Gaaffii hawaasni irra deddeebi’uun dhiyeessaa ture irratti hundaa’uun, carraa dabalataa isa dhumaa kennuun barbaachisaa ta’uu isaa biirichi beeksiseera.Haaluma kanaan, yeroon xumuraa waliigaltee kireessaa fi kireeffataa haaromsuu hanga Qaammee 5, 2018tti dheerachuu isaa ibseera.Kanaaf, kireessitoonni fi kireeffattoonni hanga ammaatti waliigaltee isaanii hin haaromsin hundi, carraa isa dhumaa kana fayyadamuun kutaalee magaalattii, wiirtuuwwan tajaajila Masoob hundatti, akkasumas iddoowwan tajaajila kanaaf qophaa’anitti dhiyaatanii waliigaltee isaanii akka haaromsan biirichi waamicha dhiyeesseera.#Oromia #Ethiopia