Milkaa’inni hojii mana marichaa kan argame tattaaffii hojjettoota hundaani- Obbo Taaggasaa Caafoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 30, 2018(FMC)- Waggoottan shanan darban keessa hojiileen Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kan milkaa’an tattaaffii hojjettoota hundaani jedhan Af-Yaa’iin mana marichaa obbo Taaggasaa Caafoon.Hojjettoota mana marichaa bara baajataa 2018 raawwii olaanaa galmeessisaniif sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffameera.Af-Yaa’iin mana marichaa obbo Taaggasaa Caafoo wayita kana, hojiilee bu’aa qabeeyyii waggoota shanan darban keessa Mana Marichaan hojjetaman keessatti tattaaffiin hojjettootaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.Raawwii hojii olaanaa hojjettoonni galmeessisaniif galateeffachuun badhaasa kennaniiru.Miseensota mana marichaa haaraa yeroo itti aananitti dhufan bu’uura danbiifi hojimaata mana marichaan simachuun gahumsaan tajaajiluu akka qaban hubachiisuu isaanii ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia