Sagantaa Maaddii Guutuu oomishtummaa damee qonnaa guddisaa jiru

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi birmadummaa nyaataa ishee mirkaneessuuf damee qonnaa keessatti hojiiwwan misoomaa bal’aa hojjechaa jirti. Hojiiwwan misoomaa kanneen keessaa qonna qamadii jallisii bonaa babal’isuun isa tokko dha.Sochiiwwan misooma qonnaa Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa jiran keessaa, Itiyoophiyaa gama nyaataan of-dandeesse fi badhaate gochuuf mul’ata guddaa qabachuun kan jalqabame Sagantaan Maaddii Guutuu isa ijoo dha.Sagantaan Maaddii Guutuu addatti dameewwan oomisha foonii fi aannanii, hanqaaquu, lukkuu fi dammaa, akkasumas horsiisa kanniisaarratti xiyyeeffachuun, wabii nyaataa waliigalaa mirkaneessuu fi qulqullina nyaataa lammiilee fooyyeessuuf kan akeekee dha.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad bara 2015 yeroo duula misoomaa Maaddii Guutuu eegalchiisanitti akka jedhanitti, sagantaan kun riqicha qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi fayyadamaa walitti hidhuu dha.Nyaata gahaa fi quubsaa argachuun, akkasumas gama nyaataan of-danda’uun, birmadummaa fi kabaja biyyaatiin walitti dhufeenya cimaa akka qabu ibsanii turan.Sagantaan Maaddii Guutuu erga jalqabee kaasee dameewwan adda addaatiin bu’aawwan jajjabeessaa fi qabatamaan galmaa’aa jiru.Sanyiiwwan loon aannanii fooyya’an babal’isuun, tajaajila fayyaa beeyladaa ammayyaa diriirsuun, akkasumas dhiyeessii nyaata loonii guddisuun oomishtummaan aannanii sadarkaa olaanaatti akka dabalu taasifameera.Akka odeeffannoo Ministeera Qonnaatti, sagantaan kun jalqabee waggaa jalqabaatti oomishni aannanii liitira biiliyoona 7.1 ga’eera. Bara baajataa 2018 xumurametti immoo dachaa ol guddatee gara liitirii biiliyoona 15.8tti ol guddateera.Kunis qonnaan bultoota xixiqqaa, horsiisee bultoota akkasumas lammiilee qonna magaalaa keessatti bobba’aniif madda galii dabalataa ta’eera.Horsiisa lukkuu yeroo gabaabaa keessatti lafa xiqqaa irratti gaggeeffamu deeggaruun, cuucoti lukkuu miliyoonaan lakkaa’aman fayyadamtootaaf raabsamaniiru.Kunis horsiisa lukkuu mana keessatti gaggeeffamu babal’isuun dhiyeessii hanqaaquu fi foon lukkuu haalaan akka dabalu taasiseera.Raabsi cuucota lukkuu miliyoona 26 irraa gara miliyoona 100 fi miliyoona 84tti guddateera. Oomishni qurxummii waggoota afur dura toonii kuma 78 ture gara toonii kuma 300 fi kuma 7tti ol guddisuun danda’ameera.Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa damma oomishuuf qabdu sirnaan fayyadamuun, teeknooloojiiwwan kannisaa ammayyaa fi leenjiiwwan qonnaan bultootaaf kennuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha dammaa fi waksaa akka dabalu taasisaa jirti.Bara baajataa xumurame keessatti qofa, sagantaa kanaan walqabatee oomishni dammaa toonii kuma 428 argameera. Oomishni kunis fayyadama biyya keessaa fi daldala alaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.Oomishtummaa foonii guddisuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiru. Qonnaan bultoonni fi dargaggoonni magaalaa hojii loonii furdisuurratti bobba’uun, fedhii foonii biyya keessaa guutuu bira darbee oomisha gabaa alaa irratti dhiyaatu qopheessuu danda’aniiru.Haaluma kanaan, Sagantaan Maaddii Guutuufooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa deeggaruun, wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, sadarkaa jireenyaa lammiilee fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa ba’achaa jira.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, ergaa Guyyaa oomishtummaa ilaalchisuun har’a dabarsaniin, hojiiwwan misoomaa wabii nyaataa fi birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessaa jiran keessaa tokko Maaddii Guutuu ta’uu ibsaniiru.Malkaam Fiqaaduutiin#Oromiyaa #Ethiopia