Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Waggoota shanan darban keessatti dameen turizimii Itiyoophiyaa milkaa’ina baay’inaa fi gosaan galmeessuun, sochii idilee irraa gara maddoota galii dinagdee ijoo ta’etti ce’uu ifatti agarsiiseera.Itiyoophiyaan seenaa dheeraa, aadaa badhaadhaa fi qabeenya uumamaa hawwataa kan qabdu ta’us, rakkoon duraan ture qabeenya kanneen irratti sonni dabalamuu dhabuu fi gabaa addunyaaf sirnaan beeksisuu adhabuu ture.Amma hanqinoonni kunneen furmaata argachaa jiru. Dameen turizimii, utubaalee shanan guddina dinagdee biyyattii saffisiisaa jiran keessaa tokko ta’uun, bu’uuraaleen misoomaa turizimii fi pirojektooti iddoowwan hawwata turizimii guddisan hedduun hojjetamaniiru.Pirojeektonni “Maaddii” yaada Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin jalqabaman, bifa magaalaa fi biyyattii ijaaruu, akkasumas sochii turistootaa guddisuu keessatti jijjiirama bu’uuraa fidaniiru.Pirojeektiin Maaddii Shaggar Finfinnee giddugala dipilomaasii qofa osoo hin taane, iddoowwan turizimii duree keessaa tokko taasisuu kaayyeffateera.Kana keessatti Paarkiin Tokkummaa, Paarkiin Inxooxxoo, Paarkiin Michoomaa fi hojiiwwan misooma qarqara lagaas magaalattii miidhagsuu qofa osoo hin taane, turizimii konfiraansii fi turizimii magaalaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphataniiru.Pirojeektii Maaddiin Biyyaaf immoo misooma tuurizimii Finfinnee irraa gara naannoleetti babal’isuun hojiiwwan guguddoo hojjetaman keessaa isa tokko ta’eera. Hojiileen Wancii, Gorgoraa fi Koyishaa keessatti hojjetaman, iddoowwan qabeenya uumamaa qabaatanii hanqina bu’uuraalee misoomaa qaban gara iddoowwan bashannanaa ammayyaa fi hawwatoo ta’anitti jijjiiraniiru.Pirojeektiin Maaddiin Dhalootaaf invastaroota dhuunfaa fi hawaasa hirmaachisuun kan qophaa’e yoo ta’u, Rizoortii Konfiransii Arbaa Minci, Rizoortii Haroo Logoo, Ni’een Le Paalm Lojiifi pirojektoota Rizoortii Shabalee dabalata.Pirojektoonni kunneen kunuunsa qabeenya uumamaa fi tajaajila keessummaa ammayyaa walitti makuun qabeenya dhalootaaf darbu uumuuf hojjetamaa jiru.Hojiiwwan kunneen baajata mootummaa idileen alatti qabeenya biliyoona hedduutti lakkaa’amu hirmaannaa biyya keessaa fi michoota alaa irraa walitti qabuun raawwatamaniiru. Kanaanis waggoota shanan keessatti iddoowwan ikkoo tuurizimii fi paarkiiwwan magaalaa haaraa guguddoo 15 ol tajaajilaaf qophaa’aniiru.Dhiibbaa addunyaa irratti uumamaa turan dandamachuunis lakkoofsi turistoota biyya alaa dabalaa dhufeera. Waggoota darban keessatti lakkoofsi turistoota alaa waggaatti miliyoona tokkoo ol akka ga’u ta’eera. Kunis iddoowwan turizimii haaraa Itiyoophiyaan qopheessite fi Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa daandiiwwan xiyyaaraa idil-addunyaa babal’isuun uumeen kan walqabatuudha.Akkasumas turistoota alaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuu irraa gara turizimii biyya keessaa cimsuutti ce’uun danda’ameera.Bara 2018 qofa, lammiileen biyya keessaa miliyoona 50 ol iddoowwan ispoortii, amantii, seenaa fi uumamaa daawwataniiru. Kunis lammiileen biyya isaanii fi aadaa isaanii caalaatti akka beekan taasisuu bira darbee, dinagdee biyya keessaaf carraa guddaa uumaa jira.Turizimiin biyya keessaa faayidaa dinagdee qofa osoo hin taane, saboota fi ummatoota gidduutti walitti dhufeenyaa fi waliigaltee cimsuufis gahee olaanaa qaba.Dameen turizimii bu’a qabeessa akka ta’uuf geejjibni, manneen aargalfii keessummootaa, qajeelchitoonni turistootaa, sirni kaffaltii dijitaalaa fi giddugaleewwan daldalaa walitti hidhamiinsaan akka hojjetan gochuufis hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru.Mootummaan iddoowwan turizimii haaraa ijaaruu qofa osoo hin taane, dhaala seenaa fi uumamaa kanneen akka Laalibalaa, Masaraa Faasil, Jagool Hararii fi Holqa Sof Umar deebisee haaromsuu fi kunuunsuu irratti hojii bal’aa hojjetee jira.Xiyyeeffannoo damee turizimiif kennamee fi hojiiwwan hojjetamaa jiraniin, dameewwan daandii, qajeelchq turistootaa fi eegumsa naannoo keessatti lammiilee kuma hedduuf carraan hojii kallattii fi alkallattiin uumameera.Walumaagalatti, waggoota shanan darban keessa mootummaan Ida’amuu damee turizimii utubaalee shan guddina dinagdee biyyattii saffisiisan keessaa tokko taasisee, pirojektoota guguddoo fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’an hedduu hojiirra oolcheera.Waggoota dhufan keessattis, hoggansa mootummaa Ida’amuutiin turizimiin Itiyoophiyaa hojii fi tajaajila baratamaa duraanii irraa guutummaatti ba’uun, damee dorgomaa, ammayyaa fi galii olaanaa maddisiisu ta’ee akka itti fufu ni eegama.Hojiileen bal’aan ilaalcha Ida’amuun gaggeeffamaa jiran, kunuunsa fi haaromsa hambaalee waliin bu’uuraalee misoomaa haaraa dabalataa walitti qindeessuun, Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti iddoowwan turizimii sadarkaa duraa irra jiran qabdu keessaa tokko ta’uuf dandeettii qabdu akka dhugoomsitu ni amanama. Malkaam Fiqaaduutiin #Oromia #Ethiopia