Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan pirojektoota gurguddoo bara olka’iinsaa ishee dhugoomsan hedduu hojjechaa jirti.Pirojektoota kanneen keessaa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa, misooma kooridarii magaalotaa fi pirojektoota meeggaa hedduu eeruun ni danda’ama.Pirojektoota xumuramanii tajaajila kennuu eegalan cinaattis, pirojektoota saffisaa fi qulqullina olaanaadhaan ijaaramaa jiran keessaa Buufatni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu isa tokko.Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa damee geejjibaa qilleensaa Afrikaa keessatti guddaa fi saffisaan guddachaa jiru yoo ta’u, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa fi bal’aa karoora babal’ina isaa keessummeessuuf danda’u barbaada.Fedhii biyyaalessaa fi naannawaa kana bu’uura godhachuun pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu karoorfame gara hojiitti seenee jira.Pirojektichi, Itiyoophiyaan imala olka’iinsaa ishee saffisiisuuf mul’atawwan guguddoo gara hojii qabatamaatti jijjiiruu akka qabdu kan agarsiisudha. Akkasumas, guddina diinagdee fi hawaasummaa waliigalaa biyyattii saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba.Buufatni xiyyaaraa kun imala biyyattii gara sadarkaa biyyoota galii giddugaleessaa qabanitti ceesisuuf taasifamu saffisiisuuf qooda olaanaa bahata.Akkasumas, gudina oomisha biyya keessaa, invastimantii alaa fi galii sharafa alaa guddisuuf gargaara.Buufatichi waggaatti imaltoota miiliyoonotafi fe’umsa toonii miiliyoonaan lakkaa’amu keessummeessuun, guddina oomisha biyya keessaa keessatti qooda olaanaa qabaata.Pirojektichi xumuramee wayita hojii eegalu, Bishooftuun olka’iinsi qixa galaamaa irraa qabdu meetira kuma 1 fi 910, Finfinnee irra gadi-aanaa waan taateef, xiyyaaroonni yeroo ka’anii fi bu’anitti boba’aa xiqqaa akka fayyadaman, akkasumas dandeettii fe’umsa olaanaa (Payload) akka qabaatan taasisa.Buufatichi waggaatti imaltoota hanga miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 ol keessummeessuu danda’a. Kana jechuun, addunyaa irratti buufatawwan xiyyaaraa gurguddoo 10 keessaa tokko, Afrikaa irraa immoo isa jalqabaa ta’uuf dandeettii qaba jechuudha.Buufatni xiyyaarichaa imaltoota kan keessummeessu qofa osoo hin taane, tajaajiloota immigireeshinii fi gumruukaa, gabaawwan ammayyaa, giddugaloota konfiransii, hoteelota sadarkaa idil-addunyaa eeggatanii fi iddoowwan bashannanaa of keessatti kan hammatuudha.Pirojektichi kutaalee hawaasaa kumaatamaaf carraa hojiis uumaa kan jiru yoo ta’u, wayita xumuramee hojii eegalus dameewwan aviyeeshinii, tuurizimii, hoteelaa fi geejjibaa keessatti carraawwan hojii hedduu akka uumuu ni eegama.Buufatichi haroowwan uumamaa fi iddoowwan hawwata tuurizimii magaalaa Bishooftuu imaltoota idil-addunyaa waliin walitti fiduun, utubaa guddina biyyattii keessaa tokko kan ta’e tuurizimii guddisuu fi galii olaanaa argamsiisuu keessatti gahee guddaa qabaata.Kana malees pirojektichi dandeettii damee aviyeeshinii Itiyoophiyaa kan cimsu; Afrikaa biyyoota fi ardiiwwan biroo waliin kan wal qunnamsiisu giddugala aviyeeshinii ta’uufis gahee olaanaa qabaata.Buufatni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu, damee geejjibaa fi loojistiksii Itiyoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu bu’uura bara olka’iinsaa Itiyoophiyaati.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad akka jedhanitti, Kaleessa ‘Itiyoophiyaan kaateetti’ yeroo jennu hawwii qofa osoo hin taane, dhugaa har’a qabatamaan mirkaneessineedha, Hidha Guddichaa Haaromsaa irraa kaasee hanga misooma kooridarii ammayyaatti, Buufata Xiyyaaraa Meeggaa Bishooftuu irraa hanga fooyyessii diinagdee goorootti, dadammaqiinsi biyyaalessaa keenya hojii qabatamaan mirkanaa’eera.Kanaaf, ammaan booda duubaatti hin deebinu. Imala olka’iinsaa seenaa qabeessa jalqabne keessatti humna misoomaa keenya caalmaatti saffisiisuun, Olka’iinsa Itiyoophiyaa gara badhaadhina waaraatti guddisna malee.Malkaam Fiqaaduun.