Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC)- Sirni Awwaalcha Artist Ilfinesh Qannoo guyyaa boruu Magaalaa Ambootti kan raawwatamuu ta’uun ibsameera.Sirna gaggeessaa Artistii fi qabsooftuu Ilfinash Qannoo Ilaalchisee koreen sirna gaggeessaa ibsa Miidiyaaleef kenneera.Haaluma Kanaan sirni awwaalcha Artisti Ilfinesh Qannoo magaalaa Ambootti bakka maatii, jaalattoonniifi hawaasni Oromoo argamutti kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.Guyyaa boruu sa’aattii 11:00- 12:00 reeffi hospitaala kooriyaadhaa bahee gara mana ishee kan deemu ta’uufi sa’aatii 12:00 -1:00tti gaggeessan kan taasifamuu ta’uus eerameera.Sa’aatii 3:00 irraa kaasee ammoo bakka awwaalchaa gara magaalaa Ambootti kan imalu ta’uun ibsamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.