Boru itti yaadanii dhalootaaf bocuunmallattoo mootummaa Ida’amuu ta’eera – TKM

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) — Boru itti yaadanii dhalootaaf bocuun mallattoo mootummaa Ida’amuu ta’eera jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.Tajaajilichi ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaa irratti baaseen Mootummaan Ida’amuu, bu’aa hojii qabatamaa mul’atuun, dhaala biyyaalessaa dhalootaa dhalootatti darbu kaa’aa jiraachuu eereera.Waggoota jijjiiramaa darban keessatti qormaatawwan gara garaa mudatan ciminaafi ogummaaan keessa darbuun, gufuuwwan mudatan carraa misoomaafi ijaarsa biyyaatti jijjiiraa dhufuus ibseera. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, milkaa’inoota mootummaa labsiiwwan Guubaa wayita ifoomsan, “Cichoominaa fi fageessanii yaaduu Itoophiyaanotaa kan mul’ise” jechuun ibsuu isaaniis yaadachiiseera. Pirojektoonni gurguddoon kunneen dandeettii biyyattiin qabdu hojii irra oolchuuf agarsiistuuwwan guguddoo ta’uu kaasuu isaaniis eereera.Karoorri baasii doolaara Ameerikaa biiliyoona 30 ol gaafatu kun egeree Itiyoophiyaa bal’inaan jijjiiruuf kan dandeessuufi milkaa’ina waloo seena qabeessa ta’uunis ibsa kanaan ka’eera.Akka ibsa Tajaajilichaatti, Mootummaa Ida’amuuf wabii nyaataa mirkaneessuun ulaagaalee ijoo badhaadhinaati. Ijaarsi warshaa xaa’oo jalqabamuun oomishtummaa qonnaan bultootaa dachaa hedduun akka dabalu, akkasumas biyyattiif galii doolaaraa biiliyoona hedduu argamsiisuuf akka gumaachu eegama.Kana malees, ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu haaraa Afrikaa keessatti isa guddaa ta’e, gara hojiitti hiikamaa jira. Pirojektiin kun Itiyoophiyaa wiirtuu loojistikii, daldalaafi dipilomaasii olaanaa Afrikaa keessaa tokko taasisuun, dandeettii dinagdee biyyattii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee qaba.Mootummaan Ida’amuu abbaa-biyyummaa teeknooloojii mirkaneessuun carraa dhaloota boruu jijjiiruuf dhimma murteessaa ta’uu hubachuun irratti xiyyeeffannaa addaa kennaa jira. Abbaa-biyyummaa teeknooloojii mirkaneessuufis abbaa-biyyummaa anniisaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu Tajaajilichi ibseera.Kanaaf, mootummaa biratti abbaa-biyyummaa anniisaa mirkaneessuun bu’uura bilisummaa dinagdee ta’uun xiyyeeffannoo tarsiimawaa argachuus kaaseera.Pirojektoota anniisaa ilaalchisee, Dhaabbanni Gaazii Itiyoophiyaa mallattoo ka’umsaa haaraa ta’e inni jalqabaa eebbifamee hojii jalqabeera kan jedhe ibsi tajaajilichaa, inni lammaffaanis ijaaramaa jiraachuu eereera. Pirojektoonni anniisaa gurguddoon biroo adeemsarra jiran yeroo xumuramanii hojii jalqaban, fedhii anniisaa biyya keessaa guutuuf, akkasumas hirkattummaa alaa hir’isuuf gahee olaanaa qabaachuun isaaniis ibsameera. Kunis guddina indaastirii biyya keessaa jabeessuuf bu’uura cimaa akka uumutu himame.Guddinni dhugaan kabaja lammiileefi haqaa hawaasummaa mirkaneessuudhaan madaalama kan jedhe Tajaajilichi, Mootummaanis dhimma kana irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibse.Guutummaa biyyaatti pirojektii mana jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf hojiiwwan qophii jalqabamaniirus jedhe. Pirojektiin kun namoota galii xiqaafi giddugaleessaa qaban miliyoonaan lakkaa’aman abbaa mana jireenyaa taasisuuf, akkasumas bifa magaalota biyyattii jijjiiruun haqaa hawaasummaa cimsuuf kan karoorfame ta’uu hubachiise.Akka ibsa kanaan kaa’ametti, Ida’amuu jechuun waliin guddachuufi qabeenya qooddachuu jechuudha; Pirojektoonni gurguddoon kunneen dargaggoota miliyoonaan lakkaa’amaniif carraa hojii kallattiifi alkallattii uumuuf jiru; kanaanis, bu’aawwan hojiiwwanii jalqabumarraa galmaa’uu eegalaniiru. .Mootummaan Ida’amuu dhalootaaf kan dabarsu idaa osoo hin taane, bu’aa hojii ta’uu ibseera. Hojiiwwan dhaloota haaraa bu’uura godhatan cimee itti fufu; boruuf har’a yaaduun dhaloota bocuunis mallattoo addaa mootummaa Ida’amuu ta’ee itti fufuutu akeekameHojii, ciminaafi tattaaffii ummataa irraa dhalatan kunneen dhaloota dhufuuf dhaala badhaadhinaa ta’anii akka hafan, akkasumas Itiyoophiyaan bu’uura cimaa irratti akka dhaabbattuuf hojjetamaa jiraachuus hubachiise.