Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) — Dameen omishaa Itiyoophiyaa waggoota dhiyoo asitti haaromsa haaraa agarsiisaa jira.Dameen kun dandeettii omishaa guddisuu fi oomishaalee alaa irraa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuun gara sadarkaa misoomaa haaraatti ce’aa jira.Kana saffisiisuuf hojiiwwan Mootummaa Ida’amuu irraa karoorfaman keessaa tokko sochii biyyaalessaa “Itiyoophiyaan ni oomishti” jedhuudha. Sochiin kun humna namaa fi qabeenya uumamaa biyyattii oomishtummaa fi teeknooloojii waliin qindeessuun gahee damee omishaa cimsuurratti xiyyeeffata.Itiyoophiyaan qabeenya namaa fi uumamaa bal’aa qabaatus, waggoota dheeraaf oomishaalee hedduu alaa galchuun hirkattummaa keessa turte.Hirkattummaa kana hir’isuuf oomishaalee biyya keessatti oomishamuu danda’an adda baasuu, dandeettii oomishtootaa guddisuu fi qulqullina oomishaa fooyyessuun hojii oomisha bakka-bu’aa irratti xiyyeeffannoon kennameera.Kanaanis oomishaaleen duraan baay’inaan alaa galan tokko tokko biyya keessatti oomishamaa jiru; Kunis baasii sharafa alaa hir’isuu fi oomisha biyya keessaa guddisuuf gumaacha qaba.Dandeettii omishaa guddisuun warshaalee qofaan kan murtaa’u osoo hin taane, qonna, qabeenya beeyladaa fi dameewwan oomishaa biroo waliin walitti hidhata qaba.Qamadii jallisii bonaatiin oomishamu, oomishaalee nyaataa fi galteewwan nyaataa “Maaddii Guutuu” jalatti hojjetaman, akkasumas qabeenya beeyladaa irraa argaman, cancala oomishaa kanneen dandeettii omishaa biyya keessaa babal’isuuf gumaachaniidha.Kunis meeshaalee fi qabeenya dheedhii alatti gurguruu caalaa biyya keessatti qopheessuun sona dabaluuf carraa bal’isa.Sochiin “Itiyoophiyaan ni oomishti” oomishtoonni biyya keessaa oomisha isaanii beeksisuu fi gabaa waliin walqunnamsiisuuf agarsiisaalee fi waltajjiiwwan beeksisaa uumuu, akkasumas hirmaannaa damee dhuunfaa cimsuu keessatti gahee qaba.Dabalataanis, warshaaleen gara oomishaatti hin seenin ykn hanqina dandeettiitiin oomisha isaanii dhaaban rakkoolee isaan mudatan adda baasuun deeggarsa teeknikaa, faayinaansii, galtee fi gabaa akka argatan taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru dandeettii damee omishaa kakaasuuf gumaacha qaba.Kaayyoon guddaan industirii omishaa oomishaalee alaa bakka buusuu qofaan kan daangeffamu miti. Qulqullinaa fi gatiin dorgomaa ta’een gabaa alaa seenuunis kaayyoo ijoodha.Kanaaf, dandeettii omishaa industiriiwwanii guutummaatti fayyadamuun, qulqullina oomishaa fooyyessuun, fayyadama teeknooloojii guddisuun fi baasii oomishaa hir’isuun murteessaa ta’a.Adeemsa kana keessatti omishaalee industirii, qophii nyaataa, oomisha keemikaalaa fi meeshaalee ijaarsaa, fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee, galii alaa argamsiisuuf dameewwan gaarii ta’uu danda’u.Guddinni damee omishaa baay’ina oomishaa guddisuu qofa osoo hin taane, carraa hojii uumuu, hirmaannaa dargaggootaa babal’isuu fi dandeettii ogummaa guddisuufis gahee olaanaa qaba.Keessumaa industiriiwwan galtee biyya keessaa waliin walitti hidhata qaban yeroo babal’atan, qonna irraa kaasee hanga warshaatti, qophii oomishaa irraa hanga raabsaa fi gabaa geessuutti, sansalata oomishaa keessatti carraawwan hojii dabalataa uumamu.Walumaagalatti, sochiin “Itiyoophiyaan ni oomishti” kallattii oomisha bakka-bu’aa cimsuu, dandeettii omishaa biyya keessaa jabeessuun diinagdee hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ceesisuurratti xiyyeeffata.Hojiin oomisha bakka-bu’aa milkaa’inaan yoo cime, baasii sharafa alaa hiRJr’isuu, oomisha biyya keessaa guddisuu, carraa hojii babal’isuu fi bu’uura industirii cimsuun ni danda’ama.Kanaaf, haaromsi damee omishaa Itiyoophiyaa baay’ina warshaalee guddisuu qofa osoo hin taane, qabeenya biyyattii gara oomishaatti, oomisha gara gabaatti, gabaa immoo gara guddina diinagdeetti jijjiiruun bu’uura diinagdee itti fufiinsa qabu ijaaruuf adeemsa taasifamaa jiruudha.Tigisti Gizaachoon#Oromia #Ethiopia