Shaampiyoonaan Atileetiksii Guddattoota umurii 17 gadii magaalaa Shaggar olaantummaamagaalaa Malkaa Noonnoon xumurame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 1, 2018(FMC) – Waldorgommiin Atileetiksii Guddattootaa Umurii 17 gadii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar guyyoota shaniif geggeeffamaa ture xummurame.Dorgommii kanarratti kutaaleen magaalaa salganuu qooda kan fudhatan yoo tahu, Kutaan Magaalaa Malkaa Noonnoo Shaampiyoonaa ta’uun xumureera.Kaayyoon dorgommichaa guddattoota ji’a lamaaf leenji’aa turan madaaluun carraa giddugala leenjiifi kilabii akka argataniif haala mijeessuu akka ta’e daarektarri dorgommii, barnootaafi leenjii waajjiira dargaggoofi Ispoortii magaalaa Shaggar Taammiraat Abbabaa himaniiru.Akka magaalaa Shaggaritti, gosoota ispoortii garaagaraan bakka bu’oota horachuuf guddattootarratti hojjetamaa jiraachuu Obbo Taammiraat eeraniiru.Dorgommii kanaan ramaddii dubartootaan Kutaan Magaalaa Malkaa noonnoo 1ffaa, Kutaan Magaalaa Eekkaa Xaafoo 2ffaa, kutaan Magaalaa Gafarsaa Gujee 3ffaan ta’uun xumuraniiru.Dhiiraan ammoo Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo 1ffaan, Kutaan Magaalaa Eekkaa Xaafoo 2ffaa, Kutaan Magaalaa Buraayyuu ammoo sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.Qabxii waliigalaatiin Kutaan Magaalaa Malkaa Noonnoo Shaampiyoonaa garee guddattoota atileetiksii umurii 17 gadii Marsaa 2ffaa kanaa ta’uun xumureera.Dajanuu Gonfaatu gabaase#oromia #Ethiopia