Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Pirojektoota jalqabuun qulqullinaan xumuruun aadaafi ibsituu mootummaa ida’amuuti jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, terminaalli haaraan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa imala milkaa’inaa daandii qilleensaa keenyaa kan agarsiisudha jedhaniiru.Terminaalli ammayyaa kun Baahir Daariifi naannawaa ishee faayidaa diinagdee hunda galeessa qabaachuurra darbee magaalattii buufata Xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetti aansee giddugala aviyeeshinii idil-addunyaa keessatti qooda akka qabaattu kan ishee taasisu ta’uus eeraniiru.Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila waliin gahuu qofarratti osoo hin taane qulqullina olaanaa mirkaneessuu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru.Terminaalli sadarkaa isaa eeggate kun daawwattoota idil-addunyaafi biyya keessaa qabeenya uumamaafi seenaa daawwachuu dhufaniif haalaan keessummeessuuf kan gargaaru ta’uus kaasaniiru.Yaa’iin daldalaafi invastimantii dabaluun oomishaalee ariitiin gabaa alaatti erguuf, dameewwan aviyeeshiniin,hoteelaafi geejjibaan carraa hojii bal’aa uumuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.Kana malees Baahir Daariin giddugala walga’iiwwan idil-addunyaa gochuuf dandeettii olaanaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.Pirojektoota karooraan jalqabuun, qulqullinaan raawwachuun tajaajila uummataaf dhaqabsiisuun aadaafi ibsituu mootummaa ida’amuu ta’uu kaasanii, kutannoon fi imalli raawwachuu keenya kun cimee itti fufa jedhaniiru.#Oromia #Ethiopia