Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Walitti Hidhamiinsa Uummataa Cimsaa Jiru

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Fiixee Itiyoophiyaa tokkorraa gara fiixee biraa gahuuf guyyoota, torbanootaa fi ji’oota fudhachuun amma seenaa ta’eera; Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila balalii keessoo bal’isaa waan jiruuf.Balali’a daqiiqaa 45 yoo baay’ate hanga sa’aatii 1 hin caalleen, Finfinneeraa ka’uun Baaleetti ciree nyaachuun ni danda’ama.Akkasumas gaareen Baaleerraa ka’anii sa’aatii muraasa qofa keessatti Paarkii Biyyooleessaa Gaarreen Kaabaa gahuun ni danda’ama.Kana kan dhugoomse Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa isa tokkichaa sanaa dha.Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila balalii keessoo yeroo kamuu caalaa cimsuu fi bakka ga’umsaa bal’isuuf hojiiwwan qabatamaa hedduu raawwateera.Dhaabbatichi walitti dhufeenya biyya keessaa fooyyessuuf, iddoowwan balalii keessoo 23 duraan turan irratti buufataalee xiyyaaraa haaraa dabaluun iddoowwan balalii gara 25tti ol guddiseera.Kanaaf ragaan ammoo buufataalee xiyyaaraa dhiheenya kana ijaarsi isaanii xumuramee eebbifaman kanneen akka Negellee Boorana, Gooree Mattuu, Yaa’a-balloo fi Dabira Maarqos isaan muraasa.Hariiroo naannolee gidduu jiru caalaatti ariifachiisuuf balaliin keessoo Dambi-doolloo addaan citee ture dhaabbiidhaan deebi’ee torbanitti yeroo sadii akka tajaajilu ta’uun milkaa’ina biraati.Tajaajilli balalii halkanii fayyadamtoonni yeroo barbaadanitti iddoo fedhaniitti akka socho’an gochuu bira darbee yeroo qusachuun haalaan gumaachaa jira.Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaas kana hubachuudhaan seenaa balalii biyya keessaatti tajaajila halkanii balalii boqonnaa haaraa bane naannoleettis jalqabuuf qophii isaa xumureera; dhiyeenya kanas gara hojiitti akka galu eegama.Kunis imaltoonni yeroo kamuu haala mijeeffatanii akka imalan carraa guddaa kan uumuu dha.Dararaa maamiltootaa hir’isuu fi galmee balalii caalaatti salphaa fi ariifachiisaa gochuudhaaf eenyummeessaa dijiitaalaa Fayidaa sirna galmee balalii waliin guutummaatti walqabsiiseera.Kana malees, imaltoonni apilikeeshinii moobaayilaa fayyadamanii tikeetii balalii keessoo yeroo bitatan sirna dijiitaalaa gatii %10’n hir’su diriirseera.Ijaarsa bu’uura misoomaa guddisuufis Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa baasii Doolaara Miliyoona 50 ramaduun dandeettii simannaa tarmiinaala biyya keessaa Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolleetti argamu sadarkaa olaanaan dabaleera.Haaluma walfakkaatuun tarmiinaalota buufata xiyyaaraa Jiinkaa, Godee fi Aksum Yohaannis 4ffaa haaromsuun fooyyesseera.Ijaarsa bu’uuraalee kanneenii hordofee baay’inni balalii guyyaa guutuu gara magaalota naannolee adda addaatti haala ol’aanaadhaan dabaleera.Yeroo ammaa kana Daandiin Qilleensichaa torbanitti balalii keessoo 350 ol dhiheessuudhaan guddina turizimii, waljijjiirraa daldalaa fi walitti dhufeenya uummata Itiyoophiyaa cimsaa jira.Immabeet Siisaayiin#Oromia #Ethiopia