Finfinnee, Adoolessa 29, 2018 (FMC) – Jaarraa 21ffaa keessatti ciminni ittisa biyya tokkoo baay’ina waraanaa ykn meeshaalee waraanaa bitattuun qofa hin madaalamu.Itiuoophiyaan jijjiiramaa as indaastirii ittisaa ishee cimsuu fi meeshaa waraanaa ofiin oomishuun of danda’uuf karoora garaagaraa hojiitti hiikaa jirti.Adeemsi kun damee ittisaa qofa osoo hin taane, indaastirii, teeknooloojii, saayinsii fi dinagdee irratti bu’aa bal’aa argamsiisuuf ni gargaara.Itiyoophiyaan waggoota hedduuf suphaa meeshaa waraanaa fi oomisha rasaasaa irratti hojjechaa turte.Keessattuu suphaa meeshaa waraanaa, suphaa taankii fi konkolaataa waraanaa, suphaa xiyyaaraa fi oomisha rasaasaa keessatti muuxannoo dheeraa qabdi.Mootummaan yeroo ammaa dandeettii ofiin oomishuu fi misooma teeknooloojii irratti xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira.Keessumaa oomisha rasaasaa dabaluu, suphaa meeshaa waraanaa biyya keessatti raawwachuu, konkolaattota waraanaa fooyyessuu, teeknooloojii diroonii irratti dandeettii ijaaruu fi paarkota indaastirii ittisaa babal’isuun hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa ti.Yeroo ammaa waraanni ammayyaa irra caalaa diroonota, teeknooloojii odeeffannoo, odeeffannoo saatalaayitii fi sirna elektirooniksii irratti hundaa’aa jira.Misoomni indaastirii ittisaa kun faayidaalee hedduu qaba. Isaan keessaa baasii sharafa alaa hir’isuu, carraa hojii uumuu, indaastirii sibiilaa, elektirooniksii, keemikaalaa fi sooftiweerii guddisuu akkasumas qorannoo yunivarsiitiiwwanii indaastirii waliin walqabsiisuun isaan ijoo dha.Dandeettii meeshaa waraanaa oomishuu guddisuun Itiyoophiyaaf nageenya biyyaalessaa qofaaf osoo hin taane, guddina indaastirii, ce’umsa teeknooloojii, misooma humna namaa fi cimina dinagdeef murteessaa dha.Kana malees, biyyattiin madaallii humna waraanaa naannawaa keessatti qabdu akka cimsitu, akkasumas imala ofiin of danda’uu saffisiisu keessatti agarsiistuu hojii qabatamaa ta’ee tajaajila.Amalawarqi Damiseetiin#Oromia #Ethiopia