Marii biyyaalessaa abdii dhaloota egeree

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan biyya guddoo seenaa ishee keessatti dameewwan garaagaraan injifannoowwan addunyaafi Afrikaaf fakkeenya ta’an galmeessistedha.Nageenya waaraafi waliigaltee biyyaalessaa uumuu irratti garuu qoramaa turteetti.Jijjiirraan sirnaafi siyaasaa waggoottaniif gaggeeffamaa turan gaaffiiwwan haqaa, walqixxummaafi nageenyaa karaa waaraa ta’een deebisuu hin dandeenye.Kanaaf ammoo sababni ijoon dhimmoota biyyaalessaa gurguddoo irratti waliigalteen biyyaalessaa dhibuudha.Cabiinsa seenaa kana suphuufi biyya waliigalteen biyyaalessaa ishee mirkanaa’eefi fooyyofte dhaloota egereef dabarsuuf bu’uura kaa’uuf kan eegalame adeemsi yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaanotaaf abdii guddaa uumeera.Marii biyyaalessaa jechuun garaagarummaa siyaasaa, hawaasummaa, aadaafi diinagdee qabachuun waltajjii marii irratti mari’achuu, waldhaggeeffachuufi furmaata waloo barbaaduudha.Adeemsi kun hayyoota siyaasaa qofa osoo hin taane bakka bu’oota uummata hunda bakka bu’an , abbootii amantaa, dargaggoota, dubartootaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa kan hirmaachise ta’uun adda isa godha.Waldhabdeewwan waggoottaniif turan, garaagarummaawwan seenessaafi madaawwan seenaa mariin wal’aanuuf tattaaffii godhamudha.Seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti tattaaffiiwwan garaagarummaa humnaan furuuf taasifaman biyyattii waraanaaf, walitti bu’iinsaafi mancaatii qabeenyaafi badiisa lubbuu namaaf saaxilaa tureera.Mariin biyyaalessaa aadaa haaraa garaagarummaa humnaan osoo hin taane mariin furuuf dandeessisu beeksisuuf ulaa bana.Kanaan dura murtoowwan biyyaalessaa fi adeemsonni heera mootummaa humnoonni siyaasaa muraasni qofti kan murteessan waan ta’eef nageenya waaraafi waliigaltee uumuu hin dandeenye.Ciminni ijoon marii biyyaalessaa sadarkaa gandaa irraa hanga biyyaalessaatti uummanni karaa bakka bu’oota isaan ajandaaleen marii maal ta’uu akka qaban yaada kan itti kennu waan ta’eef nageenya waaraafi waliigaltee mirkaneessa.Biyyaafi dhaloota egereef jecha mari’achuun fi waldhaggeeffachuun waliigalteerra gahuun yoo danda’ame Itiyoophiyaa nageenyi, haqnii fi walqixxummaan keessatti mirkanaa’e ijaaruuf abdii guddaadha.Malkaam Fiqaaduun.#Oromia #Ethiopia