Teeleeviizyiinin Tigraay tamsaasatti deebi’e

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Hojii Dhaabee kan ture Teeleeviizyiiniin Tigraay tamsaasatti deebi’eera.Dhaabbatichi ergama badii raawwachaa turuu isaa hordofee eeyyamni isaa mulqamuun kan yaadatamuudha.Bulchiinsi Imaanaa naannichaa dhaabbatichi nageenya naannoo Tigraayiif gumaacha olaanaa kan qabuu fi sagalee ummataa akka ta’u hubachuun maqaan isaa Korporeeshinii Miidiyaa Tigraay jedhamee moggaafamuun eeyyama argatee tajaajila akka eegalu taasiseera.Haaluma kanaan dhaabbanni haaraan kun eeyyama Biroodkaastii argachuun har’aa jalqabee gara tamsaasatti deebi’eera.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa