Karoora Of-Danda’uu Cehumsa Hunda galeessaaf

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC)- Karoorri Of-Danda’uu karoora tarsiima’aa hiree uummata Oromoo gara ce’umsa olaanaatti tarkaanfachiisuudha.Leenjiin Karoora Of-Danda’uu hooggantoota mootummaa fi paartii sadarkaa Naannoo, Godinaalee, Magaalotaa fi Aanaaleef kennamuu eegaleeraKaayyoon leenjii kanaa, kallattiiwwan tarsiima’aa fi bu’uuraalee Karoora Of-Danda’uu irratti hubannoo hooggantootaa cimsuu, karooricha sadarkaa hundatti gara hojii qabatamaatti hiikuuf qophii gahaa uumuuf yoo ta’u, karoora Of-Danda’uu milkeessuuf carraawwan misoomaa jiran sirnaan fayyadamuun, humna namaa beekumsaa fi ogummaan ijaaruun, oomishtummaa guddisuun, indaastiraalummaa babal’isuufi sirna itti gaafatamummaa qabu diriirsuun xiyyeeffannoon hojjechuu barbaada.Leenjii kanaan Karoorri Of Danda’uu sadarkaa Naannoo, Godinaalee fi Magaalotaa irratti kan mari’atamu yoo ta’u, leenjii kana booda hirmaattonni leenjichaa hubannoo argatan hojii guyyaa guyyaa keessatti hojjetamaniin karooricha gara sadarkaa hawaasaa fi maatiitti bu’aa qabatamaa akka fiduuf gahee isaanii akka bahatan kan eegamu ta’uu ragaan Tajaajila Kominikeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.