Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 4ffaa guyyaa 2ffaan morkiin Feenarbaacheen – Liiverpuul, Islaaviyaa Piraag ammoo Arsenaal waliin taasisan ni eegamu.Har’a galgala sa’aatii 2:45 eegalee AEK Ateensi – Riyaal Maadriid, Feenarbaacheen ammoo Liiverpuul waliin taphatu.Halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Birooshiyaa Doortumand – Riyaal Beetis, Leensi- Koomoo, PSV – Kilab Biruuji, Poortoon – Naappoolii, RB Leebziing – Maanchiister Siitii, akkasuma Viking – Sabah FK waliin taphatu.Taphoota eda taphatamaniin Gaalaataasaraay 2 – 0 Istuugaarti, Ispoortiingi 1 – 0 Shaakaatar Deeneksii, Maanchiister Yuunaayitiid 3 – 2 Roomaa, Baayerni Muunik 2 – 0 Atileetikoo Maadriid,Baarseloonaan 3 – 0 Astoon Viillaa, Intermiilaan 3 – 0 Feyeenoord, PSG 6 – 0 Viilaariyaal, akkasuma LASK 4 – 0 Isloovaan Biraatislaavaa yoo injifatan, Booddoo Gilmiit Liil waliin galchii qixa baheera.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa