Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaafi Chaayinaan tumsa loltummaa fi tarsiimawaa yeroo dheeraa qaban caalaatti cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru.Ministirri Ittisaa Obbo Mahaammad Idiriis har’a Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara ChaayinaaCheen Haayi waajjira isaaniitti simatanii mari’ataniiru.Marii isaaniin biyyoonni lamaan tumsa loltummaa fi tarsiimawaa yeroo dheeraa qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru.Ministirri Ittisaa Obbo Mahaammad Idiriis, Itiyoophiyaafi Chaayinaan dameewwan hedduun tumsa bu’a qabeessa akka qaban ibsuun, keessumaa dameewwan indaastirii loltummaa, dabarsa teeknooloojii fi leenjii irratti tumsa isaanii caalaatti guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.Dabalataanis, Itiyoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf carraaqqiin haqa-qabeessi taasistu nageenya naannichaafi idil-addunyaaf gumaacha gaarii akka qabu ibsaniiru.ri Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Cheen Haayi gama isaaniin, biyyi isaanii tumsa loltummaa fi tarsiimawaa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti guddisuuf fedhii olaanaa akka qabdu ibsaniiru.Keessumaa dameewwan indaastirii ittisa biyyaa fi invastimantii irratti bu’aawwan galmaa’an cimsanii itti fufsiisuuf Chaayinaan qophii ta’uu mirkaneessuu isaanii Odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Ministeera Ittisa Biyyaa Faanaa Dijiitaaliif erge ni mul’isa.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa