Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019(FMC)- Miidiyaaleen faayidaa uummataafi biyyaalessaa kabachiisuuf odeeffannoo amanamaa dhiyeessuu qabu jedhan Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa aadde Hayimaanot Zallaqaa. Abbaan Taayitichaa Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’e Giddugala Leenjii Miidiyaa Itiyoophiyaa eebbisiiseera. Aadde Hayimaanot Zallaqaa wayita kana, Giddugalichi rakkoolee damichaan mul’atan furuufi gaazexeessitoota beekumsa olaanaa akka gonfachiisu Daayerektarri Olaantuun Abbaa Taayitichaa Hayimaanot Zallaqaan ibsaniiru. Miidiyaaleen nageenya, tokkummaa, faayidaa uummataafi biyyaalessaa eegsisuu keessatti odeeffannoo madaalawaafi amanamaa akka dhiyeessaniif giddugalichi qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru. Sagantaa eebba Giddugalichaa irratti Daarektara Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaafi Walitti Qabaa Boordii Abbaa Taayitichaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, hoggantoonni miidiyaaleefi keessummoonni biroon argamaniiru. Qiddist Tasfaayeetu gabaase. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa