Dippilomaatonniifi bakka buutonni dhaabbilee idil-addunyaa Giddugala Leenjii Haaromsaafi Deebisanii dhaabuu Hidhattoota Duraanii Naannoo Tigraay daawwatan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Bakka buutonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Itiyoophiyaa keessa jiran Giddugala Leenjii Haaromsaafi Deebisanii dhaabuu Hidhattoota Duraanii Naannoo Tigraay keessatti argamu daawwataniiru.Giddugalli Maqalee duraan naannichatti leenjii haaromsaafi hawaasatti deebisuu kennuuf tajaajilaa ture, yeroo ammaa namoota hidhannoo hiikkatan simatee tajaajilaa akka jiru ibsameera.Yeroo ammaa namoonni hidhannoo hiikkatan kumni 5 fi 500 giddugaloota leenjii haaromsaa keessatti leenjii fudhachaa jiru.Leenjiin haaromsaa kun namoota hidhannoo hiikkatan hawaasatti akka makaman, jireenya isaanii idilee akka jiraatan dandeessisuu bira darbee, ijaarsa nageenya waaraa biyyaalessaaf gumaacha gaarii taasisaa akka jiru daawwannicha irratti hubachiifameera.Daawwannaa kanarratti Komishinara Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa Tamsgeen Xilaahuun dabalatee hoggantoonni komiishinichaa biroon argamaniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaaGizaachoo Girmaayiin