Hojjettoota Itiyootelekom sadi hidhattootaan erga butamanii torbaan tokkoof ukkaamfaman booda gadi lakkifamuu isaanii BBC'n odeeffate.Hojjettoonni kunneen osoo hojii dirreerra jiranii hidhattootaan butaman. Torbaan tokko daggala keessa hidhattoota faana erga turanii booda Sanbata duraa darbe ganama gadlakkifamuu dhageenyeerra.