Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019(FMC)- Magaalaan Finfinnee yeroo ammaa dameewwan garaagaraan magaalaa jijjiirama olaanaa fidaa jirtudha.Magaalattiin wiirtuu dippiloomaasii Afrikaa tahuurra darbitee, wiirtuu dinagdee, tuurizimii, invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa taasisuuf hojiileen misoomaa adda addaa hojjetamaaniiru; hojjetamaas jiru.Magaalattiin giddugala tuurizimii fayyaa naannawichaa akka taatuufis xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.Magaalattiitti tajaajila fayyaa qulqullinaafi sadarkaa isaa eeggate kennuuf dhaabbilee fayyaa mootummaa fi dhuunfaa cimsuufi invastimantii damee fayyaa babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ragaaleen ni akeeku.Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen wayita Hospitaala Niwu Laayif eebbisan, imala Finfinnee Giddugala Tuurizimii Fayyaa naannawichaa taasisuuf godhamu keessatti qoodni damee dhuunfaas murteessaa ta’uu hubachiisan.Ergaa isaaniitiin, Finfinnee Giddugala tuurizimii fayyaa taasisuun, mootummaa qofaan kan milkeessinu osoo hin taane dhaabbilee fayyaa damee dhuunfaan ijaaramanis ilaalcha keessa galchuuni jedhaniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita Hospitaala Laaftoo eebbisiisan, Hospitaalichi Itiyoophiyaa iddoo gahumsa tuurizimii fayyaa taasisuu keessatti gahee akka qabu ibsaniiru.Hospitaalichi meeshaalee yaalaa ammayyaan akkasumas hubannoo namtolcheen kan deeggarame waan ta’eef dhukkuboota walxaxoo biyya keessatti qorachuu fi yaaluuf dandeettii guddaa qaba.Walumaagalatti, hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa fayyaa babal’isuu, tajaajila yaala ammayyaa dhiyeessuu, humna namaa gahumsa qabu horachuu fi invastimantii hawwachuuf hojjetamaa jiran imala Finfinnee giddugala tuurizimii fayyaa naannawichaa taasisuu kan milkeessanidha.Gama biraatiin, lammiileen tajaajila yaalaa fayyaa fooyya’aa barbaacha biyya alaa akka hin deemneefi biyya keessatti akka argatan gochuun baasii sharafa alaa kan baraarudha.Dhukkubsattoonni biyyoota ollaa wal’aansa fayyaa fooyya’aa barbaacha gara Itiyoophiyaa wayita dhufan biyyattiif sharafa alaa dabalataa kan argamsiisudha.Ayyaanaa Dheeressaan.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa