Maanchister Yuunaayitid 3–2 Roomaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019(FMC) – Tapha torbee afraffaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan istaadiyeemii Old Trafford irratti kilaba Xaaliyaanii Roomaa lan keessummeesse Maanchister Yuunaayitid durfamuu irraa ka’ee 3–2 injifateera.Maanchister Yuunaayitid taphoota Shaampiyoonsi Liigii afur taphate keessaa injifannoo lammaffaa galmeesseera.Tapha boqonnaa duraan jalqabaa Roomaan 2–0’n dursaa turus, maanchistar galchiiwwan sadii tapha walakkaa 2ffaa keessatti lakkoofsiseen injifachuu danda’eera.Roomaaf Maatiyaas Suulee daqiiqaa 11ffaa irratti, akkasumas Dooni’eel Maaleen daqiiqaa 18ffaa irratti (rukuttaa adabbiin) galchiwwan lakkoofsisaniiru.Boqonnaa booda, Bruunoo Fernandeez daqiiqaa 58ffaa irratti rukuttaa adabbiin goolii galcheera.Itti aansuun Maatiyaas Kuunyaa daqiiqaa 83ffaa fi 86ffaa irratti walitti aansuun goolii lama galchuun Maanchister Yuunaayitidiif injifannoo mirkaneessaniiru.Haa ta’u malee Daqiiqaa 90+1ffaa irratti Maatiyaas Kuunyaa kaardii keelloo lama argachuun kaardii diimaan dirree keessaa ari’ameera.Injifannoon kun Maanchister Yuunaayitid guyyoota 55 fi taphoota sagal booda injifannoo isaa isa jalqabaa ta’ee galmaa’eera.Taphoota biroon Baarseloonaan Aastan Viillaa 3–0n, PSGn Viyariyal 6–0, Baayer Muuniik Atleetikoo Maadriid 2–0n, Inter Miilaan Feeyinoord 3–0n injifataniiru.