Pirojektoota misoomaa Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hojjetu deeggaruun caalmaatti cimee itti fufa – Baankii Addunyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Baankiin Addunyaa pirojektoota misoomaa Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hojjetu deeggaruu caalmaatti cimseen itti fufa jedhe.Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan bakka buutoota Baankii Addunyaa waliin mari’ataniiru.Itiyoophiyaan hojiilee tumsa Baankii Addunyaa waliin hojjettuun bu’aa galmeessuu Dooktar Habtaamuun ibsaniiru.Sagantaa Waan Waashiin hojiilee biyyoota biroof muuxannoo olaanaa ta’u raawwanneerra jedhan.Kunis hordoffii cimaan kan argame ta’uu kaasan.Dursaan Jila Baankii Addunyaa Juuliiyaas Viiktar gama isaaniin, dhaabbanni isaanii hojiilee Ministeera Bishaanii fi Inarjiin hojjetaman tumsuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessan.Hojiilee Sagantaa Waan Waashin hojjetaman lammiilee miiliyoona 10 ol fayyadamoo taasisuu ibsame.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa