Ijiptoonni Hidha Aswaan Yoo Ijaaran Nuubiyaanota Sudaan Kuma 100 ol Balleessaniiru – Dooktar Habtaamuu Ittafaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Ijiptoonni yeroo Hidha Aswaan ijaaran lammiilee Sudaan kuma 100 ol balleessuu fi manneen jireenyaa isaanii irraa buqqisaniiru jedhan Ministirri Bishaanii fi Inarjii RDFI Dooktar Habtaamuu Ittafaa, Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Ijiptonni Itoophiyaa sirriitti hubachuu dhabuun himannaa garaagaraa ragaa hin qabne dhiheessaa jiru.“Itioophiyaan hidha Guddichaa osoo isaan hin mariisisin kophaa ishee ijaarte” jechuun yeroo dubbatan, seenaa hojiiwwan mataan isaanii raawwatanii dagataniiru jedhan.Yaa’i Tooshkaa gara gammoojjii Sahaaraatti qajeelchuun yaa’a bishaan Abbayyaa hir’isuuf hojii hojjetame keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, Bo’ii Piis gara Siinaa geessu ijaaruun gammoojjii keessatti bishaan akka qisaasessan, Hidha Aswaan ijaaruunis bishaan meetirri kiyuubiin biiliyoonaan lakkaa’amu hurkaan akka qisaasa’u kaasaniiru.Hojiiwwan kanneen yeroo raawwatan biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gadii jiran waliin marii tokko illee akka hin gaggeessines Dooktar Habtaamuun ibsaniiru.Hidha Aswaan ijaaruu isaanii hordofee lammiileen Sudaan hedduun manneen jireenyaa isaanii irraa buqqa’anii, lafti isaanii irraa fudhatamee, hanga har’aatti eessa akka ga’an kan hin beekamnes jiru jedhaniiru.Qabeenyi bu’uura qaroomina ummata Sudaan ta’e Hidha Aswaan jalatti awwaalamee hafuu fi Nuubiyaanonni Sudaan kuma 100 ol ta’an akka badan himaniiru.Gochi kun hawaasa naannoo isaanii jiru dhabamsiisuu fi ofii isaanii qofa misoomsuuf yaaluu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Ilaalcha “ani qofa haa nyaadhu, ani qofa haa guddadhu” jedhu kana caalaa ragaan biraa argamuu hin danda’us jedhan.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa