Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) –Bara baajataa 2018 Diinagdeen Itiyoophiyaa Afrikaarraa diinagdee guddaa 5ffaa ta’eera jedhe Ministeerri Tarsiimoo Biyyaalessaa.Diinagdeen Itiyoophiyaa Bara baajataa 2018 Birrii Tiriiliyoona 31.86 dabaluun Afrikaarraa diinagdee 5ffaa ta’eera jedhan Ministirri Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa Obbo Barakat Fissahaatsiyoon.Biyyoota Sahaara gadii keessaa ammoo diinagdee guddaa 3ffaa ta’uu eeran.Ministeerri Tarsiimoo biyyaalessaa fi Tajaajilli Istaatiksii Itiyoophiyaa waliin ta’uun mala haaraa oomishni waliigalaa biyya keessaa ittiin shallagamu ifoomsaniiru.Akkaataa shallaggii haaraan oomishni waliigalaa biyya Keessaa Itiyoophiyaa kan bara 2018 Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 10 ta’uu mul’isa jedhan obbo Barakat.Oomishni waliigalaa biyya keessaa bara bajaataa 2017 Birrii Tiriiliyoona 17.09 kan ture, waqtawaa yoo ta’u % 59.21 dabaluun Birrii Tiriiliyoona 24.03 gahuu dubbatan.Siifan Magarsaatiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa