Karoorri of-danda’uu jireenya uummataa fooyyessuuf bahe – Obbo Kaffaaloo Tafarraa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Karoorri of-danda’uu jireenya uummataa fooyyessuuf bahe jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Caffeetti Itti waamamaan Mootummaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan.Uummanni Hooggantoota waliin qindaa’uun karoora of danda’uu milkeessuu qabu jedhan.Leenjiin Karoora of-danda’uu Hooggantoota Mootummaafi Paartii Naannoo Oromiyaa, Godinaalee, Magaalotaafi Aanaaleef kennamaa jira.Waadaa uummataaf galame milkeessuuf riifoormiiwwan garaa garaa qophaa’aa turuu himan Obbo Kaffaaloon.Riifoormiin gama hoj-imaataafi gurmaa’iinsaatiin hojjatamaa ture baay’ee milkaa’aa akka ta’e mirkaneessan. ‎‎Karoorri of-danda’uu waggoota shanan dhufan keessatti raawwatamu kana milkeessuuf hooggantoonni hubannoo guutuu akka qabaatan gochuun, xiyyeeffannoo leenjii marsaa lammaffaa ta’uu himan. ‎Hoggansi kun karoora kana erga hubateen booda leenjii marsaa itti aanu caasaa gandaafi hawaasaaf ni kenna jedhan.Badhaadhina hunda galeessa fiduuf Karoora kana milkeessuun dirqama kan jedhan Obbo Kaffaaloon, uummanni karoorichi jireenya isaa fooyyessuuf akka ta’e hubatee, hoggantoota isaa waliin qindoomuun milkeessuu akka qabu dhaamuu OBN gabaasera.‎Leenjiin Karoora of-danda’uu hoggantoota mootummaafi Paartii Godinaalee, Magaalotaafi Aanaaleef kennamaa jiru kun, karooricha hojiirra oolchuuf murteessaa ta’uu eeran Obbo Kaffaaloon.‎#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa