Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaafi Faransaayi hariiroo seena qabeessaafi tumsa loltummaa qaban caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.Ministirri Raayyaa Ittisaa obbo Mahaammad Idriis, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaayi Aleksiis Laameek waliin mari’ataniiru.Biyyoonni lamaan hariiroo seena qabeessa bara dheeraa waliin qaban caalmaatti cimsuu fi tumsa dameewwan loltummaan qaban cimsanii itti fufuuf waliigalaniiru.Faransaayi ce’umsa beekumsaafi dandeettii dhaabbatummaa nagaa kabachiisuu cimsuuf deeggarsa taasisaa jirtuuf obbo Mahaammad galateeffataniiru.Itiyoophiyaan naannawichatti keessatti faayidaashee kabachiisuuf carraaqqii taasisaa itti jirtu Faransaayi akka deeggartu gaafataniiru.Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaayi Aleksiis Laamek gamasaaniin, hariiroo seena qabeessaafi tumsa hunda galeessa biyyisaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii olaanaa qabaachuu mirkaneessaniiru.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa