Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) – Seenaa irraa barachuun injifannoo fi milkaa’ina qofa osoo hin taane, kufaatii, gantummaa fi qormaata gurguddaa irraa barachuus dabalata.Taateewwan tokko tokko seenaa keessatti guyyaa injifannoo ta’anii galmaa’u; kanneen biroon garuu madaa hin dagatamne onnee uummataa keessatti uumuun dhalootaa dhalootatti darbu. Onkoloolessi 24 immoo taateewwan seenaa keessatti hin dagatamne keessaa isa tokko.Guyyaan kun haleellaa cimaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa irratti raawwatame yaadachuu qofa osoo hin taane, nageenya biyyaalessaa, tokkummaa biyyaalessaa fi gatii nagaa irra deebinee akka xiinxallu nu dirqisiisa.Gochi suukanneessaan garee gantootaa ABUT’n raayyaa irratti raawwatame kun seenaa biyyattii keessatti boqonnaa gurraacha ta’ee galmaa’eera. Dhaabbanni birmaddummaa fi nageenya biyyaatiif amanamummaadhaan dhaabbate tokko gantummaa keessaa isa mudateen haleelamuun miseensota raayyaa qofa osoo hin taane, qalbii lammiilee Itiyoophiyaa hunda kan tuqe ture.Raayyaan Ittisa Biyyaa waggoota dheeraaf Naannoo Tigraay keessa ture daangaa biyyaalessaa eeguu qofa osoo hin taane, nageenyaa fi tasgabbii uummata naannichaa mirkaneessuufis hojjechaa ture.Raayyaa uummata waliin jiraate, gammachuu fi rakkoo isaa qooddate, yeroo adda addaattis hojii deeggarsa hawaasummaa irratti hirmaate waan ta’eef, gantummaan isa mudate caalaatti nama gaddisiisa.Taatee hamaan guyyaa sana raawwatame kun lubbuu fi kabaja namummaa miseensota raayyaa irratti miidhaa guddaa geessisuu bira darbee, nageenyaa fi tasgabbii biyyattii irrattis dhiibbaa guddaa uumeera.Taateewwan seenaa akkanaa yaadachuun jibbiinsa itti fufuuf osoo hin taane, gatii gantummaa, barbaachisummaa nagaa fi bu’uura amanamummaa dhaabbilee hubachuufi. Yaadannoon kun kabaja wareegamtootaaf kennuu fi taateewwan gaddisiisoo kana fakkaatan gara fuulduraatti akka hin irra deebineef hojjechuuf kan nama kakaasus ta’uu qaba.Yaadannoon Onkoloolessa 24 guyyaa gaddaa qofa miti; barumsa cimina dhaabbataa daran jabeessuu fi barbaachisummaa qophii gahaa hubachiisudha.Bu’uura yaada kanaatiin Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qormaata seenaa keessatti isa mudate irraa barumsa fudhachuun, gama humna namaa, meeshaalee waraanaa fi itti fayyadama teeknooloojiitiin caalaatti gahumsa kan qabu dhaabbata ta’eera.Guyyaan kun yeroo har’a yaadatamu, taateen Onkoloolessa 24 darbe akka hin irra deebine mirkaneessuuf, raayyaa gahumsa humna namaa sadarkaa addunyaa irra ga’eefi meeshaalee waraanaa ammayyaa qabaatu ijaaruun barbaachisaa ta’uu hubachiisa.Har’a humni badiisaa alaa yookaan keessaa kamiyyuu nageenya, tokkummaa fi birmaddummaa Itiyoophiyaa tuquuf yoo yaale, humni Raayyaa Ittisa Biyyaa cichaa fi injifannoo mirkaneessuu danda’u isa eeggata.Wareegamni qaalii Raayyaan Ittisa Biyyaa biyya dhaabuuf kaffale onnee uummata Itiyoophiyaa keessatti yeroo hunda kabajaan ni yaadatama.Yeroo yaadannu garuu, kaayyoon keenya taateen sun akka hin irra deebineef. Akka hin hindabalamneef yoomuu ni yaadanna! Imala Itiyoophiyaa boruu cimtuu, nagaa qabdu, kabajamtuu fi badhaate ijaaruu keessatti raayyaan akkuma yeroo kamii gaachana cimaa ta’ee itti fufa.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaaMalkaam Fiqaaduutiin