Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Hirmaattonni Waltajjii 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa , waltajjii ardichaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru cinatti, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa daawwataniiru. Daawwannaa kana irratti Daayirektarri Olaanaa Dhimmoota Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Nabiyuu Sihul garee daawwannaa kanaaf ibsa kennaniiru. Obbo Nabiyuu Sihuul hojiiwwan gurmaa’insaa, siyaasaa fi haaromsa paartichaa, akkasumas falaasama Ida’amuu bu’uureffachuun dameewwan hawaasummaa fi dinagdee keessatti milkaa’inoota waaraa Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu ibsaniiru. Hirmaattonni waltajjichaas sochii hojiiwwan paartichaa waliigalaa, hojimaata ammayyaa fi gurmaa’insa dijiitaalaa paartichaa daawwataniiru. Kana malees, tumsa ardii fi hariiroo dameewwan hedduu paartilee siyaasaa gidduu jiru cimsuuf dhimmoota ijoo ta’an irratti mari’achuun yaada waljijjiiraniiru. Hirmaattonni waltajjichaa gama isaaniin, waljijjiirraa muuxannoo biyyoota Afrikaa gidduu jiru caalaatti cimsuun hariiroo siyaasaa fi misoomaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee guddaa akka qabu dubbataniiru jechuun ENA’n gabaaseera. Waltajjiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa tumsa dhaabbilee siyaasaa fi hoggantoota siyaasaa garaagaraa biyyoota ardichaa gidduu jiru cimsuu, ijaarsa sirna dimokiraasii saffisiisuu fi kallattii misooma waloo Afrikaa gara fuulduraa bocuuf waltajjii ijoo ta’uun ibsameera.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa