Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Bara baajataa 2019 kurmaana jalqabaa keessaa Oomishaalee Indaastirii oomishaa alatti ergamanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 18 argame jedhe Ministeerri Indaastirii.Bara oomishaa kurmaana jalqabaa keessa oomishaalee Indaastirii alatti argamanirraa galii Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 43.48 argachuuf karoorfamee miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 18 ol argamuu ibse.Kunis kan bara darbee yeroo walfaakkaatuun yoo madaalame Doolaara miiliyoona 20.81 caalmaa qabaachuu hime.Oomishaaleen nyaataa, Dhugaatii, Kal’oo, Uffataalee, akkasuma Keemikaallii fi ijaarsaa walduraa duubaan galii fooyya’aa argamsiisuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa