Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Leenjiin saayinsii loltummaa qophii qaamaa, sammuu fi qophii hojii qabatamaan dandeettii haaraa kan gonfachiise ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos ibsan.Hoggantoonni mootummaa olaanoon leenjii saayinsii fi ogummaa loltummaa Mana Barumsaa Leenjii Qondaaltota Kaadhimamoo Huursootti fudhachaa turan xumuraniiru.Dooktar Geediyoon Ximootewoos yeroo kana akka jedhanitti, leenjichi saayinsii loltummaa karaa qabatamaatiin hubachuuf, adeemsa hojii fi sirna leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa dhiyeenyaan baruuf isaan dandeessiseera.Itiyoophiyaan caasaa fi gurmaa’ina ittisaa amanamaa ta’e akka ijaarrattuuf ogummaa fi saayinsii loltummaa beekuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.Haaluma kanaan, leenjiin saayinsii loltummaa hoggantoonni siiviilii yaada waraanaa, sirna ittisaa, nageenya biyyaalessaa fi murtoo tarsiimawaa kennuu ilaalchisee hubannoo qaban akka babal’ifatan bu’uura gaarii uumuus ibsaniiru.Muuxannoon leenjii irraa argatan faayidaa saayinsii loltummaa karaa qabatamaatiin hubachuu bira darbee, hojii hoggansa isaanii keessatti hubannoo fi qophii fooyya’aa akka qabaatan kan isaan gargaaru ta’uu dubbataniiru.Hoggantoonni kun leenjichi maddoota balaa nageenya biyyaalessaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa bal’inaan akka hubatan isaan dandeessisuu ibsaniiru. Leenjiin saayinsii waraanaa hoggantoota olaanoof kenname hanqina qunnamtii dhiphisuu, hubannoo waloo uumuu fi dandeettii murtoo kennuu guddisuun, yeroo qormaati nageenyaa biyyaalessaa walxaxaan mudatu deebiiwwan qindaa’oo faayidaa waaraa biyyaalessaa eegsisan kennuuf faayidaa olaanaa akka qabu Dooktar Geedyoon Ximootewoos hubachiisaniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa