Furtuu Badhaadhina fi Ji’oopoolitikaa Itoophiyaa – Galaana Diimaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Kabajni biyyaalessaa, jabinni dinagdee fi dhiibbaan ji’oopoolitikaa biyyootaa kan murtaa’u itti fayyadama qabeenya uumamaa fi qabeenya tarsiimoo isaanii irratti hundaa’uun.Guddinni waaraa fi sadarkaan olka’iinsa Itoophiyaas laga Abbayyaa guddichaa fi Galaana Diimaa, kan daandii daldalaa addunyaa murteessaa ta’e waliin walitti hidhata cimaa qaba.Bishaanota lamaan kunneen utubaalee tarsiimoo ji’oopoolitikaa ta’anii, carraa fi egeree Itoophiyaa kallattiin kan murteessanidha.Itoophiyaan bishaan waliigalaa laga Naayilii keessaa gara dhibbeentaa 85 kan maddisiistu ta’us, waggoota dheeraaf misooma qabeenya laga sanaa irraa addaan baafamtee turte.Haa ta’u malee, milkaa’inni waggoota darban keessatti galmaa’an seenaa haq-dhabummaa kana jijjiiraniiru.Xumuramuun ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa, Itoophiyaan qabeenya uumamaa mataa ishee fayyadamuun lammiilee isheef ifaa fi misooma fiduuf mirga guutuu fi abbaa biyyummaa akka qabdu hojii irra ooluun kan mirkaneessedha.Injifannoon kunis faayidaa biyyoota yaa’a lagaatiin gadi jiran osoo hin miidhiin, waliin misoomuu fi qabeenya walqixa fayyadamuu ilaalchisee hawaasa addunyaatiif barumsa kan kenne, boqonnaa seenaa keessatti iddoo guddaa qabuudha.Kanaafuu, milkaa’inni laga Abbayyaa to’achuu fi misoomsuun isaa guutuu kan ta’u, walitti hidhamiinsa tarsiimoo Galaana Diimaa waliin yeroo makamu qofaadha.Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Itafaa Dhaabbata Miidiyaa Faanaa waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, milkaa’inni hojii misoomaa laga Abbayyaa irratti hojjetame gaaffii Itoophiyaan abbaa qabeenya buufata galaanaa ta’uuf qabduuf balbala kan baneedha.Itoophiyaan qabeenya lafaa, humna namaa fi bishaan qabdu fayyadamuun oomishaalee garaagaraa oomishtee gabaa addunyaatti dhiyeessuun faayidaa dinagdee ishee mirkaneessuuf buufata galaanaa qabaachuun baay’ee barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.Kanaafis, yeroo ammaa dhimma Abbayyaa cufnee gara Galaana Diimaatti ceeneerra jechuun ibsaniiru.Itoophiyaan naannoo Galaana Diimaa keessatti hirmaannaa kallattii yoo qabaatte, baasii daldalaa hir’isuu bira darbee sadarkaa fi dhiibbaa ishee waltajjii ji’oopoolitikaa addunyaa irratti qabu ol kaasuu danda’a.Sababa kanaaf, misoomni Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti gaggeessituu fi barbaachisummaa tarsiimoo Galaana Diimaa dhimma wal irraa adda baasuun hin danda’amne, dhimma jiraachuu fi egeree biyya keenyaa murteessudha.Itoophiyaan boqonnaa milkaa’ina misoomaa Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa bu’aa gaarii irraan ga’uun xumuruun, imala tarsiimoo abbaa qabeenya buufata galaanaa ta’uu ishee mirkaneessuuf jalqabde galmaan ga’uun, kabaja biyya keenyaa waaraa ta’e eegsisuuf itti gaafatamummaa dhaloota ammaati.#Itoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaaTigist Gizaachootiin