Finfinnee, Hagayya 28, 2018 (FMC)- Kilabni Sa’uud Arabiyaa Al Hilaal, lammii Biraaziil taphataa sarara fuulduraa Arseenaal Gabreel Maartineelii mallatteesifachuu ifoomseera.Al Hilaal Maartineelii fudhachuuf Arsenaaliif Paawundii miiliyoona 60 kaffaleera.Gabreel Maartineeliin bara dorgommii 2025/26 Arseenaal waliin waancaa liigii kaasuu isaa ni yaadatama.Gatiin jijjiirraa Maartineeli, gurgurtaa taphattootaa Arseenaal keessatti rikkaardii haaraa ta’ee galmaa’eera.