Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Inisheetiivii idil-addunyaa “Act For Early Years” jedhamuun beekamtii “Shaampiyoonaa Guddina Daa’imummaa Duraa” argataniiru.Beekamtiin kun hoggansi Kantiibaa Adaanech Abeebee fi bulchiinsi magaalichaa, invastimantii guddina daa’immanii irratti geggeessaa jiruuf, keessumaa “Inisheetiivii Guddina Daa’imummaa Duraa Abdii Fuulduraa Finfinnee” irratti xiyyeeffachuun kennameera.Inisheetiivichi guddinni daa’imummaa duraa imaammata mootummaa fi ajandaa invastimantii idil-addunyaa keessatti iddoo olaanaa akka qabaatuuf hojjechaa jira.Beekamtiin kun Ministira Muummee Yunaayitid Kingidam duraanii fi Ergamaa Addaa Barnoota Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Goordan Biraawun, akkasumas dhaabbilee michuu Inisheetiivichaa, ‘UNICEF’ fi ‘UNESCO’ dabalatee, qaamolee garaagaraa waliin ta’uun kennameera.Beekamtiin kun Magaalaan Finfinnee Afrikaa keessatti hoggansa guddina daa’imummaa duraan magaalaa fakkeenya taatu gochuuf tattaaffii jiruuf gahee olaanaa qabaachuun, tattaaffiiwwan jiran caalaatti akka ciman kan gargaaru akka ta’e amanama.#Oromia #Ethiopia