Magaalichatti Ayyaanota Fulbaana keessa kabajamaniif oomishni gahaan gatii madaalawaan dhiyaachaa jira — Komishinii Hojii Gamtaa Finfinnee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Ayyaanota Bara Haaraa 2019, Masqalaa fi Irreecha sababeeffachuun oomishaaleen bu’uuraa gahaa ta’an gatii madaalawaan jiraattota magaalaa Finfinneef dhiyaachaa jiraachuu Komiishiniin Hojii Gamtaa Finfinnee beeksise.Komiishinarri Olaantuun Komiishinichaa Shiittaayee Mahaammad ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Komiishinichi qorannoo gabaa irratti hundaa’uun fedhii gabaa yeroo ayyaanotaa uumamu adda baasuun, oomishaalee bu’uuraa gahaa ta’an akka dhiyaatan hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.Komiishinichi oomishtoota, dhiyeessitoota, yuuniyeenotaa fi waldaalee hojii gamtaa garaagaraa waliin ta’uun walitti hidhamiinsa oomishaa uumee, oomishaaleen ga’aa ta’an akka dhiyaatan gochaa jiraachuu eeraniiru.Oomishaaleen kunneen manneen daldalaa fi dhaabbilee tajaajilaa waldaalee hojii gamtaa fayyadamtootaa 700, akkasumas agarsiisota fi baazaariiwwan Bara Haaraa, gabaa Sanbataa fi Dilbataa, akkasumas manneen daldalaa waldaalee hojii gamtaa 154 keessatti bal’inaan fayyadamtootaaf dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.Oomishaaleen gatii madaalawaan dhiyaatan kunniin fedhii jiraattota magaalaa Finfinnee yeroo ayyaanaa guutuu, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi gabaa tasgabbeessuu keessatti qooda olaanaa akka qaban ibsameera.Dabalataanis, yeroo ayyaanotaa waldaaleen 274 foon dhiyeessan, foon gatii madaalawaan hawaasaaf akka dhiyeessan qophiin taasifamuu Komishinarri Olaantuun beeksisaniiru. Kunis yeroo ayyaanaa qaala’iinsa gatii foonii mul’achuu danda’u to’achuuf ga’ee olaanaa akka qabu ibsaniiru.Hawaasni oomishaalee kanneen manneen daldalaa waldaalee hojii gamtaa, giddugaleewwan agarsiisaa fi baazaariiwwan, akkasumas gabaa Sanbataa fi Dilbataa irraa bitachuun gatii madaalawaan akka fayyadamu waamichi dhiyaachuu odeeffannoon Komiishinichaa ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia