''Qaamni saalaa dhabamuu-genital teft'' maqaa jedhuun odeeffannoon garmalee tamsa'aa ture lubbuu namoota namoota hedduu gaaga'eera. Onkoloolessa 2025 hanga Waxabajjii bara kanaatti biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti namoonni 80 caalan sababa kanaan ajjeefamaniiru.