Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Xaaliyaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.Bulchiinsi Joorjiyaa Meeloonii milkaa’ina seenaa qabeessa galmeesseef maqaa Mootummaa fi Ummata Itiyoophiyaan baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.‘Bulchiinsi keessan milkaa’ina seenaa keessatti isa guddaa ta’e galmeessisaa jirutti, isin baga gammaddan.’Kutannoon hin qabne kun sadarkaa addunyaatti dhaloota hedduu kan kakaasu qofa osoo hin taane, hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaafi Xaaliyaanii gidduu jiru caalaatti cimsuu keessatti shoora olaanaa taphachaa akka jiru eeran.Hariiroo fi tumsi cimaan gama hedduu Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduu jiru cimee itti fufa jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanirratti dabarsaniin.Waliigaltee fi tumsa waloo, kan kabaja walii irratti hundaa’ef iddoo guddaa kennina. Isinii fi uummata Xaaliyaaniif nagaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabu hawwina jedhan.#Oromia #Ethiopia