Fayyaa hawaasaa eeguun badhaadhina biyyaalessaaf bu’uura- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 29, 2018(FMC)- Fayyaa hawaasaa eeguun badhaadhina biyyaalessaaf bu’uura jedhan Ministirri Muummee Ittaanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.Obbo Tamasgeen Xurunaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa daawwataniiru.Obbo Tamasgeen wayita kana, Inistiitiyuutichi waggoota 100’f Itiyoophiyaa tajaajiluu yaadachiisaniiru.Fayyaa hawaasaa eeguun badhaadhina biyyaalessaaf bu’uura ta’uus kaasaniiru.Dhaabbatichi weerara dhibee adda baasuu, hordoffii fi deebii kennuu, laaboraatoorii, qorannoo, diijitaalaayizeeshinii fi qophaa’ummaa yaaddoo fayyaan sirna fayyaa biyyattii deeggaraa jiraachuu eeraniiru.Naannoleetti giddugaloota ittisaafi to’annoo balaa tasaa hundeessuun fi laabiraatooriiwwan riifaraalaa babal’isuun dandeettii qophaa’ummaa fayyaa cimsaa akka jirus ibsaniiru.Inistiitiyuutichi badhaadhina biyyaa saffisiisuuf murteessaa ta’uu eeranii, mootummaan deeggarsa barbaachisaa kan taasisuuf ta’uu dubbataniiru.Kana malees Ministirri Muummee Ittaanaan obbo Tamasgeen Xurunaa sosochii hojii Kolleejjii Meedikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloos daawwataniiru.Laabiraatooriin Akuuteek Diyaagonistikii dhaabbatichatti eegalame guyyaatti saamuda dhukkubsattoota kuma 11 fi 200 ol qorachuu akka danda’u ibsameera.Dabalataanis Giddugala sirna walhormaataafi giddugala waamichaa dhaabbatichaa daawwataniiru.Layikun Alamtu gabaase.#Oromia #Ethiopia