Mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheen misoomuuf qabdu Ijipti kabajuu qabdi- Tiibor Naaj

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 28, 2018(FMC)- Mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheen misoomuuf qabdu Ijipti kabajuu qabdi jedhan Afrikaatti Gargaaraan duraanii Dhimmoota Alaa Ameerikaa Tiibor Naaj.Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii sirriifi bu’uura seeraa kan qabu ta’uu ibsaniiru.Ejjennoo Ijipti laga Abbayyaa irratti qabdu haala qabatamaa siyaasaafi diinagdee naannawichaa yeroo yeroon jijijjiiramaa jiru waliin kan wal hin simne ta’uus eeraniiru.Ijipti dhugaa jiru fudhachuu akka qabdu kaasanii, haalli siyaasaa naannawichaa jijjiirama olaanaa argamsiisuu ibsaniiru.Ijipti yeroo ammaa naannawichatti madaalli humnaa haaraan uumamuu fi Itiyoophiyaan haalaan guddachuu ishee hubachuu akka qabdu eeran.Ijipt yaada haaraafi qajeelaa ta’e qabattee gara mariitti yoo deebite waliigaltee waaraafi haqa qabeessa irra gahamuun ni danda’ama jechuu isaanii TOI gabaaseera.Mariiwwan biyyoonni yaa’aa qabeenya bishaaniitti fayyadamuuf mirga qabaniif beekamtii kennu irratti hundaa’an waliigaltee waloo uumuu akka danda’an kaasaniiru.Mirgi Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa isheetti fayyadamuuf qabdu akka ofittummaatti yookaan ammoo Ijiptiif balaa akka ta’eetti ilaalamuu hin qabus jedhaniiru.#Oromia #Ethiopia