Humni walichaa karoora eegumsa ayyaanoota yeroo itti aanaanii kabajamanii gamaaggame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Humni waloo Nageenyaa fi Tasgabbii gamaaggama karoora eegumsa ayyaanoota yeroo itti aanaan kabajamanii gaggeessuun kallattii kaa’eera.Sagantaa kabaja guyyoota Qaammee, bara haaraa, Damaraa Masqalaa fi Irreechaa, akkasuma sagantaan hundeeffama Mootummaa milkiin akka xumuramuu karoora eegumsaa qophaa’erratti mariin gaggeeffameera.Mariin kun bakka hoggantoonni olaanoon Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee, Poolisii Federaalaa, Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee, Poolisiin naannoo Oromiyaa, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalesssaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu argamanitti gaggeeffame.Ayyaanotaa fi taateewwan Finfinneetti gaggeeffaman kunneen xiyyeeffannoo biyyaalessaa kan qaban waan ta’aniif, milkiin akka xumuraman sirna hojii qindaa’aa fi naamusa cimaa irratti hundaa’een hogganamuu qabu jedhame.Hirmaannaan qaamoleen hundaas akkaan murteessaa ta’uutu ibsame.Karooraan kun bu’a qabeessa akka ta’uuf, qaamoleen nageenyaa hojii isaanii haala qindaa’aa ta’een raawwachuu akka qabanii fi hawaasnis gahee isaa bahachuu akka qabu eerame.#Oromia #Ethiopia