Chaayinaatti lakkoofsi dhiirotaa kan dubartootaa miliyoona 30n caala. Sababa kanaan Chaayinoonni michuu jaalalaa (haadha warraa) argachuuf jecha gati baasaa jiru. Dhuunfaa isaaniitiin kanneen abdii kutatan ammoo dhaabbileen michuu gaa'elaa namaaf barbaadan filannoo isaanii godhataniiru.