Mootummaan jireenya lammiilee fooyyessuu fi badhaadhina waaraa mirkaneessuu ajandaa isaa duraa taasifateera -TKM .

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 28, 2018 (FMC) – Mootummaan jireenya lammiilee fooyyessuu fi badhaadhina waaraa mirkaneessuu ajandaa isaa duraa taasifatee hojjechaa jira jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.Itiyoophiyaan badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuu fi jireenya lammiilee ishee fooyyeessuuf tattaaffii addaan hin cinne taasisaa jirtuun, imala haaromsa Itiyoophiyaa kan mul’isan boqonnaawwan seena qabeessa ta’an dhugoomsaa jirti jedhe tajaajilichi.Mootummaan imaammatawwani fi tarsiimoo uummata fayyadamaa taasisan qopheessuu fi hojiirra oolchuun, damee diinagdee fi hawaasummaa keessatti jijjiirama qabatamaa galmeessaa jira.Waliigalteen seena qabeessi Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa gidduutti taasifame, kan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ifoomsan kanaaf agarsiiftuudha.Dhaabbanni deebisee cimsuu liqii mana jireenyaa, kaappitaala Birrii biiliyoona 100’n hundeeffamuu fi hirmaannaa michummaa idil addunyaa of keessaa qabu, hanqina yaa’iinsa maallaqaa callaa damee baankii keessatti mul’atu furuun, lammiileef tajaajila faayinaansii amanamaa ni uuma jedhame eegama.Waliigalteen seena qabeessi kun, karoora mootummaa manneen jireenyaa miiliyoona 1.5 gatii madaalawaan, kabaja lammiilee Itiyoophiyaa madaalu dhiyeessuuf kaa’ame, adda durummaan akka milkaa’u kan gargaarudha.Waliigalteen kun fedhii lammiileen mana jireenyaa qaban dhugoomsuuf gufuuwwan jiran cabsuun, jireenya guyyaa guyyaa fi nageenya hawaasummaa haala amanamaa ta’een fooyyeessuuf kutannoo mootummaan qabu kan mirkaneessu tarkaanfii murteessaadha.Milkaa’inni kun qofti isaa kan dhaabbate miti; waggoota jijjiiramaa darban keessatti fooyya’iinsa dinagdee, jijjiirama dijitaalaa fi pirojektoota guguddoo keessatti milkaa’inoota haaromsa Itiyoophiyaa galmaa’an itti aansee dhufan keessaa kutaa tokko dha.Mootummaan Ida’amuu, hirmaannaa damee dhuunfaa bal’inaan hammachuu fi sirna gabaa ammayyeessuun, dandeettii dinagdee biyyaalessaa cimsuu bu’uura imala misoomaa isaa taasifatee itti fufeera.Akka biyyaatti guddina diinagdee saffisaan galmaa’aa jiru waliin walqabatee, qaala’iinsa gatii uumamuun kutaa hawaasaa galii xiqqaa qabu irra miidhaa fi saaxilamummaa geessisu hir’isuuf, mootummaan baajata biliyoonaan lakkaa’amu ramaduun, boba’aa, meeshaalee bu’uuraa fi galteewwan qonnaa irratti deeggarsa olaanaa taasisaa jira.Hojiiwwan rakkoo jireenya guyyaa guyyaa salphisuuf taasifaman kana bira darbee, mootummaan jireenya lammiilee haala waaraa ta’een fooyyessuu fi badhaadhina mirkaneessuu ajandaa isaa isa duraa taasifatee xiyyeeffannoon hojjechaa jira.Waadaa gara hojii qabatamaatti jijjiiruun, dIinagdee saffisaa, cimaa fi hunda hammate ijaaruu fedhii olaanaa qabu damee hundaan hojiirra oolchuu itti fufeera.