Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Ejensiin Daldalaa fi Invastimantii Biraaziil, ‘ApexBrasil’, Afrikaa keessatti waajjira isaa isa jalqabaa Finfinneetti baneera.Waajjirichi Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Biraaziilitti daawwannaa wayita geggeessanii turan marii Pirezidaantii biyyattii Luulaa Daa Siilvaa waliin taasisan ka’umsa godhachuun akka baname, Daayirektarri Jeneraalaa Daayireektooreetii Awurooppaa fi Ameerikaa Ministeera Dhimma Alaa, Ambaasaaddar Mallas Alam ibsaniiru.‘ApexBrasil’ waajjira isaa Finfinneetti banuun, tumsa daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii guddisuu fi hariiroo isaanii daran cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsameera.Biyyoonni lamaan miseensa BRICS ta’uu isaanii irraa kan ka’e, tumsa isaanii gara carraawwan daldalaa qabatamaatti jijjiiruuf waajjirichi gahee olaanaa akka qabus ibsameera.Dabalataanis, invastarootni Biraaziil Itiyoophiyaa fi carraawwan gabaa daldalaa fi invastimantii Baha Afrikaa ilaaluu akka danda’an kan gargaaruu dha jedhameeraHaaluma walfakkaatuun, invastarooti Itiyoophiyaa carraawwan daldalaa fi invastimantii Biraaziil keessa jiran ilaaluu akka isaan dandeessisus ibsameera.Fiqirtee Kaabbadaan#Oromia #Ethiopia