Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Jiraattonni Magaalaa Finfinnee, mariin biyyaalessaa rakkoolee siyaasaa marii fi waliigalteen furuun akka danda’amu agarsiiseera jedhan.Jiraattonni Faana Dijitaaliif yaada isaanii kennan akka jedhanitti, mariin rakkoolee jiran ce’uun biyya itti fufsiisuuf karaa sirrii dha.Jiraataan Magaalaa Finfinnee Leetenaant Koloneel Taaddasaa Diinqisaa, adeemsi marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa, biyya mallattoo bilisummaa Afrikaa taate irraa kan eegamu, karaa sagalee hunda kabajee fi tasgabbaa’aa ta’een kan gaggeeffame ture jedhan.Ragaan hoggantoonni duraanii Afrikaa bu’a qabeessummaa adeemsa marii biyyaalessaa irratti kennan, Itiyoophiyaan amma illee falaasama “rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa” jedhu hojiidhaan biyyoota Afrikaa biroof agarsiisaa jiraachuu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Jiraataan magaalattii kan biraan Mahaammad Jamaal gama isaaniin, mariin biyyaalessaa, yoo waliin taanee fi teessuma tokkorra teenyee mari’anne, rakkoo siyaasaa keessoo furuun hin dandanda’amne akka hin jirre obboloota keenya Afrikaatti agarsiiseera jedhan.Aadde Tigist Tafarii gama isaaniin, marii fi waliigalteen rakkoo kaleessaa ce’uun akka danda’amu biyyoota biroofis qabatamaan kan agarsiise dha jedhan.Jiraataan kan biraa Sisaay Lingaanoob ammo, marii fi waliigaltee irratti hundaa’uun biyya itti fufsiisuun akka barbaachisu mariin biyyaalessaa kun Afrikaa guutuuf fakkeenya ta’uu kan danda’uu dha jedhan.Abrahaam Abarraan#Oromia #Ethiopia