Loon sanyii fooyya’aa horsiisuun bu’aa qabeessa taaneerra – Jiraattota

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 26, 2018(FMC) – Loowwan keenya gara sanyii fooyya’aatti jijjiiruun bu’aa gaarii argachaa jirra jedhan, qonnaan bultoonni godina Arsii aanaa Loodee Heexosaa.Akka qonnaan bultoonni kuinniin jedhanitti, duraan sa’a tokkorraa guyyaatti aannan liitira lama hin caalle argachaa kan turan yoo ta’u, amma garuu mala namaan Loon diqaalomsuutti fayyadamuun, saawwan sanyii fooyya’aa irraa guyyaatti aannan liitira10 hanga liitira 15 argachuu eegalaniiru.Jabbileen mala kanaan dhalatanis gabaarratti barbaadamoo waan ta’aniif gatii gaariitti gurgurachuun galii argataniin jireenya isaanii fooyyeefachaa jiru. Qindeessaan garee fayyaa beeyiladaa aanaa Loodee Heexosaa doktar Baqaaluu Kumaa, mala namaan loon diqaalomsuun beeyiladoota hoormoonii argachuu danda’aniif hoormoonii kennuun, kan sanyii barbaadaniif sanyii kennuun, hawaasni fayyadamaa akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu kaasan.Gama biraatin, Talaallii dhibeewwan akka abbaa gorbaa fa’a yeroon kennuun fayyummaan isaanii eegamee oomishtummaan isaanii akka guddatuuf hojjetamaa kan jiru ta’uu ibsan. Itti aanaan bulchaafi itti gaafatamaan waajjira qonnaafi lafaa aanaa Loodee Heexosaa obbo Muktaar Idiriis,aanichattis mala namaan loon diqaalomsuun fayyadamummaa qonnaa bultootaa mirkaneessuuf hojjetaa jiraachus himan.Aanaa Loodee Heexosaattis, bara kana gara loowwan kuma 12 ta’aniif malli namaan diqaalomsuu kennamuufiin himameera.Akka godina Arsiittiis mala kanaan bara kana loowwan kuma 300fi kuma 95 waliin ga’uun akka danda’ame Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Ibiraahiim Qaasoo dubbataniiru.Mala kana fayyadamuun ,jabbileen kuma 200 fi kuma 77 ol akka eegamanis eeraniiru. Loowwan sanyii fooyya’aa kanneen irraa waggaatti aannan liitirri miliyoona 400fi miliiyoonni 57 ol akka abdatamus himaniiru.Faxxanaa Zawudeetu gabaase#Oromia #Ethiopia