Gochawwan nyaata fayya qabeessa fayyaa dhabsiisaan…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 28, 2018(FMC) – Yeroo baay’ee dhama nyaataa dabaluu, bifa miidhaksuu fi yeroo dheeraaf tursiisuuf gochawwan godhataman nyaata faayidaa qabu faayidaa dhabsiisuun nyaata sirrii hin taane wayita taasisan bal’inaan mul’atu.Adeemsi kun soorrata fayya qabu amala isaa jijjiiruun dhibeewwan garagaaraaf sababa akka ta’an taasisa.Nyaata ijaan madaaluu fi arrabaan dhandhamuun qofa filatanii nyaachuun ammoo miidhaa mataa isaa qaba.Nyaatawwan akka kana battalatti miidhaa qaqqabsiisuu baatanis dhibeewwan qancaroo daddarboo hin taane kanneen akka Kaansarii, dhibee Sombaa, Onnee, Tiruu, Sukkaaraa fi Dhiibaa dhiigaa namatti fidu.Fakkeenyaaf Fooni karaa sirriin waadamee yoo nyaatame nyaata faayidaa hedduu qabuudha.Haa ta’uutii dhama waaddichaa caalmaatti tolchuuf jecha Foon wayita moora keessatti waadamu, fakkeenyaaf Waaddii waciitii suphee (shaklaa Xipsii) gara nyaata sirrii hin taanetti jijjiiramuun dhabeewwan akka Dhiiga Sammuu keessatti dhangala’uu (Istirookii) fi dhiibbaa dhiigaaf nama saaxila.Nyaatichi arrabarratti akkaan mi’aawa, garuu diina cimaa fayyaa namaati.Nyaatawwan akka Buskutii Zayitan yeroo tokko qofa wayita waadaman nyaata sirrii ta’uu malu, haa ta’uutii Zayinni yeroo tokko qofa tajaajiluu osoo qabuu irra deddeebiin waaddiif oola.Kun ammoo dhibee Kaansarii fi Sukkaaraaf nama saaxila.Nyaatawwanii fi dhugaatiiwwan Sukkaarri itti heddummatan keessattuu kanneen saamsaman diina osoo ofirratti hin beekiin lubbuu namaa galataafataniidha.Mi’aan arraba irraa daqiiqaa muraasa turu keessa galee miidhaa bara baraa hordofsiisa.Nyaatawwan akka kanaa arrabatti mi’aa Tiruuf ammoo Albeedha.Bunni qofaa isaa yoo dhugame Soorrata Sirriidha, yoo Sukkaarri itti dabalame ammoo amala isaa jijjiiruun nyaata biraa ta’a.Kunis Soorrata ta’uun hafee gara miidhaa qaqqabsiisutti jijjiirama.Qamadii fi Boqolloon midhaan faayidaa olaanaa qaban ta’anii osoo jiranuu, warshaa keessa galuun gubatanii Paastaa fi Makoroniitti wayita jijjiiraman faayidaan qaama namaaf qaban baay’ee gadi bu’aa ta’a.Kanaaf hawaasni adeemsa qophii nyaataa, nyaata fayya qabeessa gara nyaata sirrii hin taanetti jiijjiiruun rakkoo fayyaaf nama saaxilanirraa of qusachuu akka qaban Biiroo Fayyaa Oromiyatti Ogeessi Sirna nyaataa fi Qindeessaan Sagantaa Nyaataa Obbo Abarraa Dagafaan dhaamaniiru.Nyaatawwan ooyiruurraa argaman kanneen warshaaleen oomishaman caalaa fayya qabeessas, qabiyyeen fooyya’aa fi fayyaa namaafis murteessoo ta’uu dubbatan obbo Abarraan.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia