Oromiyattti qonna gannan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 9 fi kumni 600 ol sanyiin uwwifame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyattti bara oomishaa kana qonna gannan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 9 fi kumni 600 fi kumni 27 fi 749 sanyiin uwwifameera.Naannichatti qonna tirannaarraa gara utaalchootti ceesisuun ilaacha harkaa gara afaanii cabsuun wabii nyaataa mirkaneessuurraa hanga gabaa biyya alaatti dorgomanii moo’achuutti hojjetamaa jira.Kanaanis al ergii guddisuu, oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuufi carraa hojii uumuuf qabame dhugoomaa jira.Bara kana Naannoo Oromiyaatti waktii Gannaaf lafa heektaara miiliyoona 11.17 qophaa’e keessaa hektaarri miiliyoonni 8 ol kilaasteraan misoomaa kan jiru yoo ta’u, oomisha kanarraas callaan kuntaala miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 80 fi kumni 600 ol kan eegamu ta’uu Biiroon Qonnaa naannichaa ibseera.Hanga ammaattis lafa heektaara miiliyoona 10 fi kuma 900 fi kuma78 fi 555 qophaa’e keessaa hektarri miiliyoonni 9 fi kumni 600 fi kumni 27 fi 749 midhaan gosa garagaraa uwwifameera.Xaa’oo kuntaala miiliyoona 10 fi kuma 500 fi kuma17 fi 851 dhiyaachuun hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 7 fi kumni 600 fi kumni 77 fi 553 qonnaan bulaaf raabsamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.Yeroo ammaas hojiin oomishaalee kunuunsuu guutuu Oromiyaatti bal’inaan hojjetamaa jira.