Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Ergama ijoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa keessaa inni guddaan birmadummaa biyyaalessaa kabachiisuu, daangaa biyyattii eeguu fi nageenya uummataa mirkaneessuudha.Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama loltummaa idilee kanaan alatti, dhaabbata uummata keessaa madde ta’uu isaa kan agarsiisu, michuu misoomaa fi yeroo rakkoo uummataaf saffisaan birmatu ta’uu isaati.Itiyoophiyaan yeroo adda addaatti hongee, lolaa fi balaa uumamaa akkasumas namtolchee garaagaraatiin yeroo qormaanni ishee mudate hundatti, raayyaan kun adda durummaan hiriiruun jaalala fi tumsa uummataaf qabu hojii irra oolcheera.Naannolee balaan itti mudatetti argamuun lubbuu baraaruun, lammiilee qe’ee irraa buqqa’an gargaaruu fi gargaarsa hatattamaa dhiyeessuun mallattoo hojii raayyaa kanaati.Raayyaan Ittisa Biyyaa lubbuu isaa qofa osoo hin taane, humna, beekumsa fi kabaja namummaa isaa nageenyaa fi tasgabbii uummataatiif jecha osoo hin qusatin kenneera.Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa gaachana nageenyaa qofa osoo hin taane, hirmaataa fi qooda fudhataa misoomaa dammaqaa ta’ee dha.Hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa, kanneen akka Ashaaraa Magariisaa fi ijaarsa daandii fi bu’uuraalee misoomaa adda addaa sadarkaa biyyaatti geggeeffaman keessatti gumaachi raayyichaa olaanaadha.Tajaajilawwan hawaasaa garaagaraa kennamu keessattis gahee isaa ba’achaa jira.Sirna waraanaa fi kutannoo isaa hojii misoomaa waliin qindeessuun, biyya gara fuulduraatti ceesisuuf cichoominaan hojjechaa jira.Jabinni raayyaa ilmaan biyyattii kallattiiwwan hundarraa walitti dhufaniin kan ijaaramee kun kan maddu, dudhaawwan gootummaa uummata Itiyoophiyaa keessaa yoo ta’u, ilmaan uummataa kunniin birmadummaa biyyaa fi bilisummaa uummataaf jecha lubbuu isaanii kennuuf duubatti jedhanii hinbeekan.Namoomni fi dudhaan raayyichaa yeroo rakkoo keessatti saffisaan birmachuu kun, daangaa biyyaafi biyyoota ollaa irras kan ce’ee dha.Biyyoota Afrikaa ergama nageenyaa fudhatee bobba’e hundatti, uummata haleellaa irraa eeguu, bu’uuraalee misoomaa ijaaruu fi gargaarsa namoomaa kennuun, Mootummoota Gamtoomanii fi hawaasa idil-addunyaa irraa beekamtii fi dinqisiifannaa argateera.Seenaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa dandeettii lolaa qofaan kan jin daangeffamne, seenaa namoomaa, michummaa misoomaa fi yeroo rakkoo keessatti saffisaan dsfsnii birmachuu of keessatti kan hammatee dha.Humni uummataa kun diina humnaan kan mo’u yoo ta’u, uummata isaa immoo jaalala fi namoomaan kan hammatu; lubbuu isaa wareegee biyya jabeessuuf gaachana cimaa kan ta’ee dha.Malkaam Fiqaaduutiin#Oromia #Ethiopia