Tajaajila Geejjibaa ammayyeessuufi nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf teknooloojiwwan hojiirra oolaa jiru -EGO

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC)- Tajaajila Geejjibaa ammayyeessuufi nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf teknooloojiwwan garaagaraa hojiirra oolaa jiru jedhe Ejensiin Geejjiba Oromiyaa.Mootummaan Naannoo Oromiyaas seektara Geejjibaa ammayyeessuun uummanni karaa salphaafi hammayyaa’aa ta’een akka itti fayyadamu xiyyeeffannaan hojjetaa jira jedhan Daayrektarri Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee.Alseerummaa kenna tajaajila geejjibaa keessatti mul’atu maqsuufi komii imaltootaaf deebii kennuuf teekinoloojiwwan garagaraa hojirraa oolcha jiraachuus ibsaniiru.Rakkoo bulchiinsa gaarii jiruu hiikuun nageenyummaa imaltootaa mirkaneessuuf teeknoloojii haaraa ‘Oro ticket’jedhamu buufataalee konkolaataa 385 keessatti hojiirra akka oolu taasifameera jedhan.Kanaanis taarifaa ol kafalchiisuu dabalatee alseerummaa garaa garaa hambisuufi filannoon geejjibaa akka uumamu taasisuu eeraniiru.Eejensichi hojjiiwwan xiyyeeffannaa kennuun hojjetaa jiru keessaa nageenyummaa konkolaataafi konkolaachisaa mirkaneessuu ta’uu kan ibsan Obbo Kamaal, dhaabbiileen leenjistoota konkolaachisaa sirnaan akka leenjisan deeggarsaafi hordoffi cimaan taasifamaa jira jedhan.Dhaabbileen leenjistootaa 220 leenjii kennan hunda jiddugala tokkorraa CCTV kaameeraan hordofuun konkolaachisaa gahuumsa qabu akka leenjisan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojiin hubannoo uumuufi to’annoo idilee daandii teeknooloojiin deeggaramuun xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.Qorannoo taasifameen balaan tirafikaa 81% ta’u rakkoo konkolaachisaan ta’uu isaatiin konkolaachistootaaf leenjiiwwan garaa garaa kennamaa jira.Bu’uruma kanaan hagayya 14 fi 15/ 1018 konkolaachistoota kuma 200 ol ta’aniif matadureewwan garaa garaa irratti leenjiin kennamuu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.