Arsenaalitti kanan makame waancaa injifachuuf – Ezrii Koonsaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC)- Arseenaal Ezrii Konsaa Aaston Viillaa irraa mallatteessiseera. Taohataan umrii waggaa 28 Koonsaan erga Arseenaalif mallatteessee booda yaada kenneen, “Asitti kanan argame mo’achuuf; waancaawwan mo’achuun barbaada,” jechuun dubbateera. Konsaan Arseenaal, “kilaboota filatamoo addunyaa keessaa tokko ta’e kan ta’etti makamuun koo anaaf ulfina guddaadha; Milkaa’ina kilabichaa itti fufsiisuuf waanan danda’u hunda kennuuf qophiidha,” jedheera.Taphatichi kilabicha waliin waliigaltee waggaa afurii kan mallatteesse yoo ta’u, lakkoofsa 15 akka uffatus kilabichi beeksiseera.#Oromia #Ethiopia